header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannooUSA

Weerara Koroonaa-vaayrasiin booda ilaalchi Muslimoota Hijaaba uffataniif Ameerikaa keessa ture caphuun gabaafame

Ameerikaa fi biyyoota lixaa keessatti fiixaaleeyyiin warra adii jibba Islaamaa leellisan Muslimoota adamsuu, addatti ammoo dubartoota Muslimaa irra miidhaa hamaa dhaqqabsiisaa turuu ni yaadatama.

Eega dhukkubni Koroonaa-vaayras dhufee keessumattu, Ameerkaanoonni dhukkuba kanarraa baraaramuuf fuula hagooggatanii yaa’aa jiran. Kun ammoo yaada hamaa Hijaabaaf qaban jijjiiruun dhagahame.

file-20200410-80234-12r1clc

Akka qorannoo ‘Northwestern University’n dhiheenya gaggeesseen Ameerikaatti jibbi Hijaabaa jiru caphuun beekkame.

Akka gorsa WHO tti, bakka namoonni itti walitti qabamanitti dhukkuba Koroonaa-vaayras jalaa baraaramuuf fuula hagooggatuun wayta dirqama tahe kanatti, dubartoota Hijaaba(Niqaaba) uffataniif kabajaa addaatu kennamaa jira.

Ameerikaatti asiin dura dubartoota Muslimaa Niqaaba uffatan 85% jechoota fokkotaan arrabsaa turan. Kanarraa 25% miidhaa qaamaa irraan gahaa turuu odeeyfannoon ni addeessa.

7 Comments

  1. ya rabbi ko nura debisi dhibee ama dema jirtu kan nuti hin qabnu umana isumatu jabadha ya Rahman

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button