header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ummata naannoo Soomalee irraa buqqa’e deebisanii ijaaruudhaaf, Jiraattonni magaalaa Riyaad deeggarsa godhan.

Sagantaan deeggarsa walitti qabuu kun dargaggoota Oromoo biyya Sa’udii magaalaa  Riyaad keessa jiraataniin kan qophaa’e yoo tahu, hawaasni biyya keenyaa magaalaa Riyaad keessa jiraatu irratti argamun qooda kan fudhate tahuun beekameera.

 

Sagantaa deeggarsaa kana irratti, dhalattoonni Baalee Riyaala Sa’udii 10,000,  Dhalatoonni Jimmaa fi Iluu Riyaala Sa’udii 7000, Dhalatoonni Arsii 17,000, Dhalattoonni Harargee Riyaala 70,400, Dhalattoonni Dagaa Riyaala 22,400, Dhalatoonni Gursuum Riyaala 10,000 akkasumas Dubartoonni Harargee  Riyaala 34,600 fi Afooshaan tokkummaa Dadar Riyaala 10,000 kan gumaachaan yoo tahu, maallaqa hawaasa biroo irraa walitti qabame  dabalatee walumaa galaatti Riyaalli 238,000 kan waliitti qabame tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button