header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamuun mirkanaahee miiliyoona 3 fi kuma dhibba shaniifi kuma diigdamii tokko dabre

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamuun mirkanaahee miiliyoona 3 fi kuma dhibba shaniifi kuma diigdamii tokko dabre. Lakkoofsi namoota sababa vayirasii kanaa du’anii ammoo kuma dhibba lamaa fi kuma Afurtamii jaha kan dabre yoo tahu, namoonni miiliyoona tokkoo fi kuma dhibba tokkoofi kuma saddomaa ol ammoo dhibee kana irraa bayyanatanii jiru.

U.S.A. keessatti hanga guyyaa har’aatti namoota miliiyoona tokkoo fi kuma dhibba tokkoo ol (1,168,362) vayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu, 67,906 du’uu gabaafame. Awrooppaa keessattis lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamaa jiranii ammas guddaadha. Haata’u malee biyyoota akka Ispeen, Xaaliyaan fi Jarman kanneen kanaan dura akka malee miidhaman keessatti lakkoofsi namoota haarayatti vayirasichaan qabamanii hirdhataa jira. Haaluma kanaan Ispeen fi Jarman uggura sochii ummataa irra kaahanii turan hanga tokko kaasaanii jiru.
Faransaay fi Briteen keessatti haalli tamsa’ina Vayirasichaa ammas adda hin baane.
Gama biraatiin ammoo achuma Awrooppaa biyyoota akka Raashiyaa, Beljiyeem fi Neezarlaand keessatti tamsa’ini vayirasichaa daran dabalaa jira. Raashiyaa keessatti lakkoofsi namootaVayirasichaan qabamanii 134,687 kan gahe yoo tahu, sa’aa 24 dabre keessatti qofa vaayirasichi namoota 10,633 irratti argamuu gabaafame.
Weerarri Vayirasii koroonaa biyyoota Eshiyaa keessaa ammoo Indiyaa fi Turkiyaa keessatti hammaataa jira.
Biyyoota Ameerikaa Kibbaa/Latin America keessa ammoo weerarri vayirasichaa Braaziil keessatti hammaataa jira. Hanga ammaatti lammiilee biyyattii 97,100 vayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 6,761 du’uu gabaafame.

Dhibee Vayirasii koroonaatiin walqabatee odeeyfannoo May 3, 2020 jidduu ijoon kanneen armaan gadiiti.

16:30GMT-Urduun weera vaayirasichaa to’achuuf jecha uggura sochii diinagdee irra kaahamee ture hunda kaasuu beeksiste.

16:00GMT-UK’n sirna haaraya namoota Vaayirasichaan qabaman faana dhahuuf gargaaru torbee dhuftu kan yaaltu tahuu beeksiste. Biyyoonni heddu Applikeeshinoota iddoo namoonni vayirasii koroonaatiin qabaman turan mul’isutti fayyadamuun, namoota vaayirasichaaf saaxilaman faana dhahanii adda baasaa jiran.

15:50GMT-Kaanaadaan lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii saffisaan dabalaa jiraatuu beeksiste. Hanga ammaatti biyyattii keessatti namoota 57,148 vaayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 3,606 du’uu gabaafame.

14:00GMT-Mootummaan Ameerikaa weerara vaayirasii koroonaatiin wal qabatee badii lubbuu namaa fi diinagdee isa muudateef Chaayinaa irratti Chaayinaa irratti tarkaanfii fudhatuuf kan qophaayaa jiru tahuu gabaafame. Ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Maayik Pompiyoo Alhada har’aa TV ABC jedhamuuf yaada kenneen, “vaayirasichi wiirtuu qorannoo Wuhan keessaa miliquu isaa raga gayaa qabna”jedhe.

2 Comments

  1. warri Tv/Raadiyoo Nuuralhudaa baayyee galatoomaa.Rabbiin hojii keessan isin irraa haa qeebalu/jaalatu.qophiin keessan baayyee natti tola.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button