header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Qaxar Emreetsiin Himatte.

Qaxar "Xayyaarri waraana Emreets hayyamaan malee naannawa qilleensa biyya kiyyaa qaxxaamure" jechuun himatte

Qaxar Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti mana marii nageenyaatiif himannaa dhiheessiteen, Xayyaarri waraana Emreets January 3/2018 hayyamaan malee naannawa qilleensa biyya isii qaxxaamuruun gara Bahreeyn seene jechuun himatte. Himannaan kun guyyoota muraasa keessati yeroo lammaffatiif yoo tahu, haaluma walfakkaatuun Qaxar Jum’aa dabre himannaa dhiheessiteen Xayyarri waraana Emreets December21/2017 daangaa qilleensa biyya isii cabsee gara Bahreeyn qaxxamuruu ibsite.

Qaxar himannaa ammaa kana irratti “Emreets gocha hamaa akkanaa irra deddeebbiin raawwachuun isii, seera addunyaatiif dantaa dhabuu isii mul’isa” jechuun komatte.
Ministeerri haajaa alaa Emreets Anwaar Gargaash Jum’aa kaleessaa yaada kenneen, himannaa Qaxar kan duraa soba jechudhaan, Mootummaan Emreets himannaa kanaaf deebisaa kan kennu tahuu beeksise.

Waxabajjii dabre irraa eeggalee biyyoonni Arabaa shan Qaxar irratti sochii qillensa irraa dabalatee uggura bal’aa kaayuun isaanii ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button