header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahe 239 gahe

 

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa har’a baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii 2171 geggeesseen, nama 29 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessattlakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaayee 239 gahee jira.
Namoota 29 Vaayirasichi irratti argame hundinuu dhiira akka tahaniifi, umriin isaanii ammoo 15-45 tahuu ibsame. Iddoon jireenna namoota kanneenii ammoo 21 jiraattota magaalaa Finfinnee, namoonni 7kanneen naannoo Somaaleetti kophatti baafamanii hordoffiin yaalaa godhaamaafii ture yootahan, namni tokko ammoo Jiraataa magaalaa Adaamaa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.
Namoota guyyaa har’aa Vayirasichi irratti argamuu ibsame jidduu 8 imala biyya alaa irraa kan deebi’an yoo tahu, 21 ammoo namoota kanaan dura Vaayirasichaan qabaman waliin wal qunnamtii qabaachuu gabaafame.
Haaluma walfakkaatuun guyyaa kaleessaatis vaayirasichi namoota 16 irratti argamuu ibsamee ture.

Itoophiyaan lakkoofsa namoota qorattuu guyyaa guyyaan dabalaa kan jirtu yoo ta’u, gama biraatiin ammoo lokkoofsi namoota Vayirasichaan qabamuun mirkanaahee akkasuma saffisaan dabalaa jira. Walumaa galatti hanga guyyaa har’aatti qorannoon labraatorii 34,380 kan gaggeeffame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Dabalataanis lakkoofsi namoota vayirasicha irraa bayyanataniitis 99 akka gaheefi, hanga ammaatti namoonni 5 vaayirasichaan du’uu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button