header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Foramiin Dargaggoota Muslima Oromiyaa marsaa lammaaffaaf geggeeffame

Foramiin Dargaggoota Muslimaa  kun godina Baalee magaalaa Roobbeetti guyyoota lamaaf kan geggeeffame yoo tahu, dubartoota 95 dabalatee dargaggoonni 300 ol Goodinaalee Oromiyaa afur irraa  dhufuun kan  hirmaatan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Foramii kana, Jiddu gala barnoota lslaamaa Markaza Ta’iwiyyaa al-islaamiyyaa, jama’aa magaalaa Roobee fi jama’aalee aanota godina Baalee keessatti argaman waliin qindoomuudhaan kan qopheessan tahuu beekameera

Kaayyoon Foramii kanaa immoo walitti dhufeenya dargaggoota muslimaa goodinaalee Oromiyaa cimsuu, muuxaannoo wal jijjiiruu fi tokkummaa hawaasa muslimaa irratti akka hojjatan jajjabeessuu tahuu ibsaame.

 

Godinaaleen Foramii kana irratti hirmaatan Godina Baalee, Godina Arsii, Godina Arsii Lixaa, Godina Shawaa Bahaa yoo tahan, fuul duraaf godinaalee Oromiyaa hunda hirmaachisuuf kan yaadame tahuu odeeyfannoon ni ibsa. Dabalataanis Foramiin kun kurmaana kurmaanaan kan geggeeffamu akka taheefi, Foramii marsaa 3ffaa magaalaa Asallaatti geggeessuuf kan karoorfame tahuu gabaafame.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button