header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaKoroonaa

Afrikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koronaan qabamani hir’achaa jira jedhame.

Ogeessoonni Dhaabbata Fayyaa Adduunyaa sababa tatamsa’inni vaayrasichaa itti hir’ate irraatti marii gaggeessaniiru.

Yaadota ogeessoonni kunneen akka sababaatti kaasan kessaa,jiraattoonni ardiicha dargaggeeyyi ta’uun, haalli qillensaa ho’aa ta’uun, kanan dura muxanoo dhibee dandamachuu qabachuu, fi naannoo Magaalaattiti namoonni muraasni jiraachuun akka sababatti kaa’era.

Dhaabbanni Fayyaa Adduunyaa of eggannoo cimaan yoo taasifamuu baate namoonni hanga kuma 100 fi kuma 90 du’uu danda’u jedhee tilmaama kaa’us, biyyoonni Afriikaa hedduun tatamsa’ina vaayrasiicha to’achuu danda’aniiru.

Marii ogeessoonni Dhaabbata Fayyaa Adduunyaa taasisan kana irraatti yaada akkamittin ardii Afrikaatti tatamsa’ina dhibee kana to’achuun danda’ame jedhuu irratti weerarri vaayrasii koroonaa amala biyyoota Adduunyaa birootti agarsisee irraa amala addaa Afrikaatti agarsiseera jedhan.

Dhaabbatta Fayyaa Adduunyaatti hogganaan Afrikaa Dooktar Maatishiidisoo Mooyitin dabalatee marii ogeessoonni biroo irraatti hirmaatan kana irratti akka ibsameetti tatamsa’ini vaayrasiicha yommu jalqabuutti uggura soochii taasisuun bu’aa agarsiseera.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button