header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qorannoo Dawaa Hydroxychloroquine irratti geggeessaa ture addaan kutuu beeksise

WHO’n kanaan dura Dawaan dhukkubaa Busaatiif oolu kan Hydroxychloroquine jedhamu, waldhaansa dhibee vaayirasii koroonaatiifis tahuu mala abdii jedhuun, guutuu addunyaatti yaaliif dhukkubsattoota COVID-19 akka kennamu deeggaraa ture. Daayirektarri WHO Dr. Tedroos Adhaanoom ibsa hardha kenneen, bu’aa qorannoo saayintastoonni dhiheenya baasan irratti hundaayuun ogeeyyonni dhaabbata fayyaa addunyaatis qorannoo Dawaa kana irratti geggeessaa jiran addaan kutanii, bu’aa hanga ammaa akka qoratan murtaahuu hime.

Prezdaant Donald Traamp fi dhaabbileen oomisha qorichaa muraasni dawaan kun dhibee COVID-19 waldhaanuuf ni gargaara abdii jedhuun, dhukkubsattootaaf akka kennamu jajjabeessaa turan. Haata’u malee bu’aan qorannoo torbee dabre barruu Saayinsii beekamaa Lancet jedhamu irratti maxxanfame, Dawaan Hydroxychloroquine fi kanneen isaan walqabatan dhukkubsattoota COVID-19 kan hin fayyisne tahuu mul’ise. Akka qorannoo kanaatti dhukkubsattoonni Dawaan kun kennamuuf carraan du’uu akka dabaluufi, akkasumas dhibee onnee hamaa taheefis dhukkubsattoota kan saaxilu tahuu beekame.

Gama biraatiin ammoo guutuu addunyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahee miiliyoona 5 fi kuma 500 dabree jira. Namoota vaayirasichaan qabaman jidduu 348,221 kan du’an yoo tahu, lakkoofsi namoota dhibee kana irraa fayyanii ammoo 2,332,433 gahee jira.

Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasii koroonaatiin du’anii 100,000 tti dhihaatee jira. Hanga ammaatti lammiileen biyyattii 1,695,820 vaayirasichaan qabamuu kan mirkanaahe yoo tahu, namoonni 456,595 dhibee kana irraa fayyuu gabaafame. Braaziil fi Raashiyaan wal duraa duubaan Ameerikaatti aananii biyyoota namoonni heddu keessatti vaayirasichaan qabaman tahanii jiru.
Ityoophiyaa keessattis Sa’aa 24 dabre keessatti qofa vaayirasichi namoota 73 irratti argamuu ibsame. Haaluma kanaan biyyatti keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamuu mirkanaahee 655 gahee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button