header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Suudaan dhimma hidha laga Abbaay ilaalchisee Mana Maree Nageenyatiif (UNSC)xalayaa barreessite

Ministeerri haajaa alaa Suudaan Asmaa Muhammad Abdallaah Xalaya June 02/2020 Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiif barreesiteen, hidha laga Abbaay ilaalchisee hanga walii galtee guutuu tahe irra gahamutti, hidhicha bishaaniin guutuu dabalatee sochiin kophaa geggeeffamu kamiyyuu akka dhaabbatu, manni marii nageenyaa qaamota dhimmi ilaallatu irratti akka dhiibbaa godhu gaafatte.

Suudaan Xalyaa kana keessatti, manni marichaa keessumattuu Ityoophiyaan hojii hidhicha bishaaniin guutuu akka hin jalqabne dhiibbaa akka irratti godhuufi, biyyoonni sadeen marii kanaan dura addaan kutanitti deebi’anii walii galtee guutuu irra akka gahaniif jajjabeessuu qaba jette.

Suudaan yeroo dheeraaf hidha laga Abbaay ilaalchisee Ityoophiyaa kan deeggaraa turte yoo tahu, dhiheenya kana garuu yaada jijjiiruun hidhicha irratti gaaffilee kaasaa jirti. Haaluma kanaan Xalyaa fuula 15 qabu kan kaleessa UNSC ergite keessattis, hidhi laga Abbaay Suudaaniif hanga tokko bu’aa kan qabu tahus, haalli ijaarsaa fi to’aannoo hidhichaa akkasumas adeemsi guuttaa bishaanii of eeggannoo cimaan yoo hin raawwatamin, biyyattii irratti balaan fiduu malu daran hamaadha jechuun ibsite.

Kanaan duras Masri haaluma walfakkaatuun dhimma hidha laga Abbaay ilaalchisee xalayaa UNSC’f barreessiteen, Manni Marichaa Ityoophiyaan hidhicha bishaaniin akka hin guutneef dhiibbaa akka godhu gaafattee turte. Mootummaan Ityoophiyaatis xalayaa deebisee ergeen yeroo barbaachisaa tahetti hidhicha bishaaniin guutuun mirga Ityoophiyaa tahus, biyyoota lameen waliin garuu mari’achuuf qophii tahuus beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button