header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalota Naannoo Amaaraa heddu keessatti Alhada har’aa hiriirri geggeeffame

Magaalota naannoo Amaaraa hiriirri keessatti geggeeffame jidduu Baahirdaar, Goondar, Dabra Birhaan, Dabra Taaboor, Saqooxaa,Hayiqi, Dasee fi magaaloota biroo keessatti tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Hirmaattonni hiriira kanneenii dhaadannoolee adda addaa kan dhageessisan yoo tahu, dhaadannoolee kanniin jidduu;
Gaafileen Eenyummaa Raayyaa fi Walqaayitiif deebiisaan haa keennamu! Balaan Hambaalee seenaa Laalibalaa irra gahaa jiru furmaata haa argatu, Aramaa Imboc kan Xaanaa miidhaa jiru furmaanni hatattamaan haa itti keennamu kan jedhan keessatti argamu.

Gaafii eenyummaa ummata Raayyaa ilaalchisee muummichi ministeeraa guyyaa kaleessaa qaamota dhimmi ilaallatu waliin marii baldhaa akka geggeessee fi qaamni gaafii dhiheessuu barbaade karaa nagayaatiin akka gaafatuu qabu kan hubachiise ta’uu, itti gaafatamaan waajjira muummicha ministeeraa Obbo Fitsum Araggaa karaa twitter isaatiin ibse.

Odeeyfannoo Walfakkaatun Muummichi ministeeraa guyyaa har’aa gara naannoo Amaaraatti imaluun, Haroo Xaanaa fi Bataskaana Laalibalaa daawwatte jira. Iddoowwan muummichi ministeera daawwate kunniin, gaafilee Ummanni har’a hiriira irratti akka mootummaan quba qabaatu jechuun gaafataa ture jidduu tahuus beekameera.Naannoo AMAARAA 3

Hiriira-Naannoo-Amaaraa-1.jpg

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button