header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Indoneezhiya keessatti dhoohinsa Volkaanoo muudate hordofuun dambaliin galaana irraa ka’e lubbuu nama 220 ol galaafate

Halkan kaleessaa Indoneezhiyaa kutaa Jaavaa keessatti dhoohinsa Volkaanoo iddoola xiqqoo keessatti muudate hordofuun, dambaliin galaana irraa ka’e gara magaalotaa fi gandootaa lola’uun yoo xiqqaate lubbuu namoota 222 galaafatuun, namoonni 800 ol ammoo kan miidhaman tahuu gabaafame. Qondaaltonni Indoonezhiyaa akka jedhanitti, hojjattoonni yeroo balaa namoota miidhaman baraaruu irratti kan xiyyeefatan tahuu ibsuun, lakkoofsi namoota du’anii ammas dabaluu mala soda jedhu kan qaban tahuu himan.

 

Dambaliin cimaan galaana irraa ka’e manneen jireenyaa fi hoteelotaa qarqara galaanaatti argaman haree kan dabarse yoo tahuu, lammiileen biyyattii balaa kana irraa hafan gara naannolee qixa galaanaa irraa ol ka’anitti kan baqatan tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button