header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATES June 14, 2020

Ministeerri Fayyaa Sa’aa 24 dabre keessa qoronnoo geggeefameen namoota 179 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise

Ministeerri Fayyaa ibsa Alhada har’aa baaseen, qorannoo laabiraatoorii sa’aatii 24 darban keessatti namoota 4,845 irratti geggeeffameen, namoota 179 irratti vaayirasiin Koroonaa argamuu beeksise.

Namoonni vaayirasichi irratti argame dhiira 116 fi dubartoota 63 yoo ta’an, namoonni 176 lammiilee Ityoophiyaa akka tahaniifi 3 ammoo lammiilee biyyoota biroo tahuu ibsame.

Namoota kanneen jidduu 111 jiraattota magaalaa Finfinnee, 9 naannoo Tigiraay, 23 naannoo Amaaraa, 5 naannoo Somaalee, 1 naannoo Hararii, 15 jiraattota naannoo Oromiyaa yoo tahan, 2 Magaalaa Dirree Dhawaa akkasumas 2 ammoo jiraattota naannoo Kibbaa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Haaluma kanaan Ityoophiyaa keessatti baay’inni namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamanii 3,345 kan gahe yoo ta’u, namoonni 545 ammoo dhibee kanarraa fayyuu ibsame.
Dabalataanis ministeerri Fayyaa ibsa har’a baase kanaan, biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii 57 gahuu beeksise.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button