header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Dhalattoonni Oromoo Keeniyaa magaalaa Mandheeraa keessa jiraataa turan qe’ee fi qabeenya keenya irraa buqqifamne jedhan.

Dhalattoonni Oromoo Keeniyaa Magaalaa Mandheeraa keessa jiraataa turan, Waldhabbii daangaa mootummaa naannoo Oromiyaa fi Naannoo Soomalee jiddutti kahe hordofuun, Dhalattoonni Soomalee Keeniyaa magaalaa Mandheeraa keessa jiraatan, dhalattoota Oromoo kana irratti ajjeechaa raawwatuun fi qabeenya achitti horatan irraa kan buqqisan tahuu, namni baqatee amma magaalaa Mooyyalee kan gama Itoophiyaatti qubsiifame nuuf hime.

                       
Akka namni kun nuuf himetti
” Dhalattoonni Soomalee Keeniyaa kan magaalaa Mandheeraa fi naannawa sun jiran, torbee lama dura dhalattoota Oromoo kan naannawa san jiraataa turan Waldhabbii dangaa Oromiyaa fi Soomalee Itoophiyaatti kahe hordofuun ajjeechaa irratti raawwatuun qabeenya horanne irraa nu buqqisaanii amma lubbuun bane Moyyaalee Itoophiyaa qubanne” jedhe.

 Mootummaan Keeniyaatis, humna kiyya oli jechuun akka isaan gara Itoophiyaa deebi’an kan godhe yoo tahu,Ammas iddoo itti qubsiifamanittis haala garii irra kan hin jirre tahuu nuuf hime.

Lakkoofsi dhalattoota Oromoo magalaa Mandheeraa keessatti ajjeefamanii 100 ol kan gahe tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button