header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Kooriyaan Kaabaa doorsisa Kooriyaa Kibbaatiin dallanuun biiroo waliinii daangaa irra jiru barbadeessite

Kooriyaan Kaabaa fi Kooriyaan kibbaa lola waggaa 50 dura geggeessan booda, hariiroon biyyoota lamaanii woggoota lamaan dabran fooyyee agarsiisee ture. Kanuma hordofuun walqunnamtii isaanii cimsuuf jecha, bara 2018 waajjira waliinii daangaa biyyoota lamaanii irratti banatanii turan.
Haata’u malee mariin biyyoota lamaanii fi Ameerikaa jiddutti jalqabamee ture eega fashalaahee asitti, hariiroon Kooriyaa lamaaniitis deebi’ee boorahuun sadarkaa hamaa irra gahuu gabaafame.
Qondaaltonni Kooriyaa Kaabaa qoqqobbii Ameerikaan biyya isanii irra keetteen mufatan, dallansuu isaanii kooriyaa Kibbaa irratti ibsatuu kan jalqaban tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Haaluma kanaan Kooriyaan Kaabaa ibsa torbee dabre baasteen, Kooriyaan Kibbaa mormitoota bulchiinsa Kim Jong Un biyyattii keessa qubsiisuun deeggaruu hatattamaa dhaabuu akka qabdu; yoo didde ammoo tarkaanfii waraanaa kan fudhatan tahuu akeekkachiistee turte.
Kanuma hordofuun ganama har’aa Kooriyaan Kibbaa naannoo daangaa biyyoota lamaanii kan sochii waraanaa irraa akka bilisa tahu walii galamee ture keessa, dursitee humna waaranaa isii bobbaasuuf qophii tahuu akeekkachiifte. Sa’aatii muraasa booda ammoo Kooriyaan Kaabaa waajjira waloo boombiin barbadeessuu qobdaaltonni waraana Kooriyaa Kibbaa beeksisan.

Kokibba

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button