header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Itoophiyaatti Guyyaa Har’aa Namoonni 7 COVID-19’n du’uun gabaafame

Itoophiyaatti qorannoo COVID-19 sa’aa 24’n dabran keessaatti namoota 4809’f taasifameen namoota 116 irratti Vaayirasiin kun kan argame ta’u Ministeerri fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa beeksiste.

Akkasumas Namoonni 7 dhibee kanaan kan du’aan yoo tahu walumaagalatti lakkoofsi namoota dhibee kanaan du’aanii 72 gahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Namoonni har’a qabamuun isaanii mirkanaawe 116 Hundi isaanii lammilee Itoophiyaa yoo tahan, walumaagalatti lakkoofsi namoota qabamanii 4070 gahe jira.

Gama biraatiin immoo guyyaa har’a Namoonni 93 dhibee kanarraa bayyanatanii jiru, lakkoofsi namoota COVID-19 irraa bayyanatanii walumaagalatti 1027 gahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button