header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo BiyyaaUSA

Imbaasiin Ameerikaa kan Finfinnetti argamu labsii yeroo muddamaa balaaleffate.

Imbaasiin Ameerikaa Finfinnetti argamu ibsa har’a baaseen akka jedhetti “Mootummaan Ityoophiyaa mirga Bu’uuraa kan akka walgahii gaggeeysuu fi yaada ofii bilisaan ibsuu dabalatee, labsii yeroo muddamaa labsuu isaa cimsinee mormina” jedhe.

Imbaasichi Ibsa isaa kanaan, jeequmsaa fi lubbuun namaa baduu kan mootummaan na yaaddesse jedhu nuus nu yaaddessee jira. Haata’u malee walabummaa ummataa guututti kennuudha malee mirga ummataa maqaa labsii hatattamaatiin xiqqeessuun akka sirrii hin tahin cimsinee ibsina jedhe.

Ibsi Imbaasichaa yaada itti fufuudhaan, Mootummaan Ityoophiyaa labsii yeroo hatattamaa amma baase kana dhiisee daandii furmaata kan biraa akka barbaadu gaaffanna jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button