header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATES June 22,2020

Itoophiyaatti Namoota 3238 kan qorannoon COVID-19 taasifameef jidduu Namoonni Faalaman 131 argamu ibsame.

Qorannoo dhibee Koroonaa Vaayiras sa’aa 24’n dabre keessaatti namoota 3238’f taasifameen, namoonni dhibee kanaan qabaman 131 argamu fi walumaagalatti biyyattii keessatti lakkoofsi namoota qabamanii 4663 gahuu ragaan ministeera fayyaa Itoophiyaa irraa bahe ni mul’isa.

Haaluma kanaan namoonni Vaayirasiin kun irratti argame dhiira 94 fi dubartoota 37 yoo tahan, isaan 98 magaalaa Finfinnee irraa, 16 naannoo Oromiyaa, 4 Naannoo Soomalee, 3 Affaar, 3 Naannoo Kibbaa 3 magaalaa Dirree Dhawaa, 2 immoo naannoo Gambeelaa, 1 naannoo Tigraayi fi ammas Namni 1 naannoo Amaaraa irraa tahuu gabaafame.

Akkasumas namni tokko kan dhibee kanaan qabame ture kan du’e yoo ta’u, walumaagalatti hanga ammatti namoonni 75 kan du’aanii fi, namoonni 84 bayyanachuu odeeyfannoon ni addeessa.

Comment

Back to top button