header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Manni marii olaanaan Dhimmoota Islaamummaa Godina Shawaa Kaabaa Yaa’ii walii galaa geggeessaa jira

Manni marii olaanaan Dhimmoota Islaamummaa Godina Shawaa Kaabaa har’a Bitoteeysa 5/2013, majlisoota aanaalee godinicha jalatti argamanii hirmaachisuun, Yaa’ii walii galaa 1ffaa Magaalaa Ficheetti geggeessaa jira.
Yaa’ii kana irratti majliisa Oromiyaa irraa Prezdaantiin majliisaa Shekh Hajjii Ibraahiimii fi Walitti qabaan Boordii Inj. Ustaaz Gaalii Abbaaboor irratti argaman.

Dabalataanis qaama mootummaa irraa itti gaafatmaan bulchiinsaafi nageenya Godinichaa Obbo Masfin Taayyee yaa’ii kana irratti kan argame tahuun beekamee jira.

Ajandaaleen yaa’ii kanaa gurguddoon gabaasa raawwii hujii gamaaggamuu fi karoora fuulduraa irratti mari’atanii mirkaneessuu tahuu ibsame. Dabalataanis ijaarsa majliisaa amma masjiidota ga’ee jiru kanatti fayyadamuun, ammas gadi fageenyaan ummata keessa seenuun hojjachuudhaaf, keessumattu godinicha keessatti akka da’awaan babal’atu haala mijeessuu irratti kallattiin kan kaayamu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

6 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button