header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KuusaaOg-BarruuSeenaa

Seenaa Jireenyaa Aalima guddaa Dr. Abdulshakuur Muhammad Gabaabinaan

Dr. Abdulshakuur Godina Baalee aanaa Agaarfaa ganda Amaalammaatti jedhamutti bara 1934 ALI dhalatan. Achuma dhaloota isaanii aanaa Agaarfaa ganda Amaallamaatti, barnoota amantii abbaa isaanii irraa barachuu jalqaban. Abbaan isaanii Sheekh Muhaammad Amaan yeroo isaan umrii 9 tahan bara 1943 du’aan addunyaa irraa godaanan.

Erga abbaan isaanii boqotan boodas, ulamaa’ota akka Sheekh Ahmad, Sheekh Juneeydii, Sheekh Ahmad Garaadoo fa’a irraa Baaleematti barnoota amantii barataa turan.

Dr. Abdulshakuur barumsa amantii Islaamaa daran gabbifachuuf bara 1962 gara baha Oromiyaatti imaluun Sheekh Bakrii Saaphaloo irraa barnoota akka hadiisaa, Fiqii, nahwi seer-luga afaan Arabaa fi seenaa ummata Oromoo baratan.

Dhuma bara 1962 karaa Jibuutiitiin ulamaa’ota heddu wajjiin gara Yaman ceehan. Haa ta’u malee Dr. Abdulshakuurii fi waahillaan isaani akkuma dooni irraa qaraqara galaanaa,biyya Yamanitti gad bu’aniin qabamanii Jibuuttittii deebifaman.

Dr Abdulshakuur

Yaalii irrra deddeebiin taasisaanii booda Yaman miilaan qaxxaamuruun biyya Sa’uud Arabiyaatti barnoota amantii isaanii itti fufan.
Barnoota isaanii itti fufuun Yuunivarsiitii Jaamiyati Islaamiyaa kan magaalaa Madiinaatti argaman irra Digrii jalqabaa, Yuunivarsiitii Malik Abdl’aziiz jedhamu irraa immoomaastersii fudhatan.

Dr. Abdulshakuur Imala barnoota isaanii itti fiufuun doktoreetii isaanii Yuunivarsiitii Umul Quraa kan Makkaa keessatti argamu irraa fudhatan.

Erga barnoota isaanii xumuranii booda ciminnaa fi daandeetii isaanii irraa kan ka’e mootummaan Sa’uudii yuunivarsiitii guddaa biyyatti Umul Quraa jedhamu kana keessatti hambisuun akka barsiisaan godhe.

Dr. Abdulshakur hayyuu guddaa Waggoota 20f Yuunivarsitii kanatti barnoota amanataa barsiisuun nama muuxannoo olaanaa horataniidha.
Akkasumas hayyuun guddaan dachiin Oromiyaa biqilchite kun, warra hajjiif garas imalan abbummaan tajaajilaa nama turanidha.

Erga hojii Yuunivarsiitii barsiisuu dhaabanii booda, Makka Masjiid Haramitti Fatwaa barsiisuun dhimmoota akka hajjii, soomaa, zakaa, umraa fi kkf irratti gorsa kennuun ummata muslimaa tajaajilaa turan.
Akkasumas Aalimaan muraasa Haraama keessaatti Fataawaa godhuun hayyamamuuf keessaa tokko tahuutti himama.

Akkasumas kitaabota hedduu afaan Oromoo fi afaan Araabaatiin immoo kitaabota gara 40 barreessuun hara beekumsaa dhaloota har’aatiif nama kaa’eedha.

Dr. Abdulshakuur qabsoo ummanni Oromoo sirna cunqursaa of irraa fonqolchuuf taasisaa ture keessatti gahee guddaa taphachuun nama kabaja olaanaa horatan ta’uu seenaan isaani ni mul’isa.

Keessaayyuu qabsaa’ota gargraasaaf dilpomaasiitiif biyya san dhaqan simachuun mana isaaniitti qubachiisaa turan ta’uu fi rakkoo ummanni Oromoo akka sabaatti keessa jiru addunyaatti beeysisuuf, shoora guddaa baha turuu isaanii seenaan ni mul’isaa.

Harka Dr. Abdulshakuur irraa namoonni barachuu Dr. Ulamaa’ota sheeka guddaa aalimoota gurguddaa ta’an lakkoofsaan baay’eedha.

Dr. Abdulshakuur Muhaammad dhibamanii hospitaalaa Maliik Faysel fi kanneen birootti osoo yaalamaa jiranii dhalatanii umrii isaanii ganna 78 waxabajji 19/2020 du’aan Addunyaa tana irraa gara ganda Aakhiraatti godaanan.

Dr. Abdulshakuuriif Rabbin isaanif haa araaramu. Rabbiin warra jaannataa isaan haa godhu. Maatii fi firoottan isaanii akkasumas ummata Muslimaa hundaaf jajjabinna hawwina.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button