header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AkhlaaqaOg-Barruu

Gabraa fi Gabrummaa

Hedduun keenya wayta mana barnootaa turrettii waahee daldala gabraa dhageenyee jirra. Ilmi namaa akka meeshaatti magaalaa geeffamee gurgurama. Akkuma looniifi meeshaa gurguranitti, ilma namaa magaalaa keessa dhaabanii gurguran. Achi booda namni mallaqa baasee gabra bitate kun, gabricha isaa kana akka barbaadetti dalaysiisa. Yoo fedhe ni garafa. Yoo ajjeeses irraa hin gaafatamu. Nama gabroomfame kanaaf kafaltiin isaa nyaata qofa. Waan nyaatee dhuguufi waan uffatuun alatti, mindaan isaaf herreegamu hin jiru. Gabrummaa jalaa bahuudhaafis wanti inni abdatu hin jiru. Yoo nama isa gabroomfate jalaa badees, namoonni biroo humnaan qabanii abbaa isa gabroomfatetti deebisan. Achi booda qixaaxa hamtuutu isa eeggata. Akka lammada itti deebi’ee hin banneef, laalaa hamtuu akka dhandhamu godhamee qixaaxama. Yeroo Rasuulli (SAW) ergaman sanittis nama gabroomfachuun aadaa baramtuudha. Gabra bitachuun qaanyii takkallee hin qabu ture.

Islaamummaan nama gabroomfachuu tana dhabamsiisuudhaaf tooftaa heddu fayydamte. Fakkeenyaaf namni baatii Ramadaanaa keeysa guyyaan jaartii isaatti ida’ame, dilii isaa irraa qulqullaayuu yoo fedhe gabra bilisoomsuu ykn baatii 2 walitti dhaabee soommanuu, takkaahuu miskiina 60 nyaachisuu qaba. Wanti kun hundi yeroo sanitti haalaan ulfaataadha. Gabra tokko bilisoomsuuf mallaqa guddaatu barbaachisa. Walumaa galatti gabrummaa jalaa nama baasuun dalagaa guddaadha.
Hedduun keenya yeroo ammaa kana gabrummaan sun waan hafe seena. Garuu nama gabroomfachuun daranuu hammaatee itti fufee jira. Barruu tana keessatti qabxiilee muraasa dhimmoota kanarratti xiyyeeffatan isinii dhiheessina.


Gabrummaan arraan tana haalaan heddummaattee jirti. Inumaa yeroo bara qaroominaa jedhamu kana keessa gabrummaan heddu babal’atte. Lakkoofsi nama gabra tahee dalagus hedduudha. Lakkoofsi nama gabra tahee bara qaroominaa kana keessa dalagaa jiru, lakkoofsa gabroota bara durii jiran ni caala. Akka qorannoon mul’isutti yeroo ammaa kana gabra miiliyana 45 oltu addunyaa guutuu keessatti argama. Lakkoofsi kun ammas dabalaa jira.


Warroota yeroo ammaa gabra tahanii dalagan keessaa dhibbeentaa 68 kanneen tahan, humnaan indastriiwwan gurguddaa keessatti akka hojjatan taasifaman. Hedduun isaaniitis ijoollee xixiqqoo biyyoota guddina gad aanaa irra jiran keessaa kanneen fuudhamanii gara biyyoota gurguddatanii geeffamaniidha. Haaluma kanaan gabroota yeroo ammaa jiran nama afur keessaa tokko ijoolleedha. Kanneen keessaa kan kuma 200 tahan ammo biyyoota garagaraatti, waraana keessatti akka hirmaatan taasifameera.


Yeroo ammaa kana gabra bituun haalaan rakisha. Fakkeenyaaf bara 1850 keessa gabra tokko bituudhaaf mallaqa yeroo ammaa doolaara 40,000’n wal qixxaayu kafaluutu barbaachisa. Kanaafuu gabri durii qaaliidha. Arra garuu avreejiidhaan Gabri tokko dolaara 90’n bitama. Sababaa kanaaf gabri tokko yoo dhukkubsate ykn dalagaarratti dadhabaa tahee argame, ni gatama yookaan ni ajjeefama.


Namoota gabra tahan keessaa dhibbeentaa 46 kanneen tahan, namoota isaan gurguran ni beekan. Arraan tana hiyyummaan haalaan heddummaattee, namuu waan guyyatti nyaatee ooluuf cinqama. Sababa kanaaf warri gabra gurguru dura akka nama dalagaa nama qaxarsiisuu fakkeessee maatitti dhihaatee ijoollee irraa fuudha. Maatiinis jireenya gaarii abdii godhachuun ijoollee isaanii dabarsanii kennan. Maatii Hedduuf garuu ijoollee isaanii deebi’anii arguun abdii qofa tahee hafa.


Warra dhoksaan nama miliqsan qofa osoo hin taane, mootummaanis lammiilee isaa ni gabroomsa. Kooriyaan Kaabaa, Eritiraa fi Buruundiin lammiilee isaanii hedduminaan gabroomfatanii dalagsiisuun beekkamu. Fakkeenyaaf Kooriyaa Kaabaa keessatti nama 10 keessaa inni tokko gabra.


Indiyaan gabra heddu qabaachuun sadarkaa duraa irratti argamti. Chaaynaa, Paakistaan, Kooriyaan Kaabaa fi Naayjeeriyaan sadarkaa tokkoo haga shanii qabatanii argamu. Gabroota yeroo ammaa jiran keessaa, kan walakkaatti dhihaatan yookaan miiliyana 14 kan tahan Indiyaa keessatti argamu. Akka qorannoon mul’isutti gabroonni kunniin hedduminaan warra idaan qabamaniidha. Namni tokko mallaqa namarraa liqeeffatee osoo hin kafalin yoo yeroo dabarse, abbaa irraa liqeeffate saniif akka dalagu taasifama. Idaan kun tarii gara ilmaaniitti yeroon dabrus ni jira. Abbaan osoo kafalee hin fixin yoo du’e, ijoollee isaattu akka gabraatti dalagaa irraa kafala.


Gabri yeroo ammaa kana mallaqni ittiin bitamu xiqqaas tahu, bu’aan tujjaarotaaf galchaa jiru garuu guddaadha. Wagga waggaan dolaarri biiliyana 150 caalu meeshaa gabri dalagurraa kan argamu akka tahe qorannooleen ni mullisu

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button