header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATES June 27, 2020

Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa Qorannoo laaboraatorii sa’aa 24’n dabre keessaatti namoota 5552 taasiifameen namoonni faalaman 145 argamu fi lubbuun nama 5 immoo dabru beeksise.

Namoonni qabamuun isaanii beekame kun umrii ji’a 2-90 jidduu kan jiran yoo tahu, isaan 94 jiraatoota magaalaa Finfinnee, 22 Oromiyaa, 10 naannoo Amaaraa, 10 naannoo Soomalee, 6 magaalaa Dirree Dhawaa fi 3 naannoo Beenishaangul Gumuuz tahuu mirkanaawe.

Namoota 5’n kan sa’aa 24’n dabre keessa du’an dabalatee, Lakkoofsi namoota dhibee kanaan biyyattiitti lubbuun dabre walumaagalatti 94 gahuus ministeerri fayyaa beeksise. Namoota 5’n har’a lubbuun dabre jidduu 4 namoota dhaabilee fayyaatti walaansa irra turanii fi tokko immoo qorannoo reefka irratti taasifameen tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Biyyattibiyyattiittitti hanga ammatti namoota 5570 dhibee kanaan faalaman jidduu, walumaagalatti namoonni 2,015 kan bayyanatan tahuu fi namoonni 3,456 immoo dhibee kanaan qabamanii walaansa irra jiraatuu ragaan ministeera Fayyaa Itoophiyaa irraa argame ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button