header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi mootummaa saba Sidaamaa ifatti hundeeffame

Ummanni Sidaamaa ji’oota muraasa dura zooniin isaanii gara naannoo akka ol guddatuuf sagaleen rifarandamiitiin kan mirkaneesse yoo tahu, Waxabajjii 11/2012 Manni Marii naannoo Kibbaa, Naannoo Sidaamaa ifatti hundeeffamuu labse ture.

Haaluma kanaan mootummaan bulchiinsa Naannoo Sidaamaa guyyaa har’aa ifaatti kan hundeeffame yoo tahu, bulchaa godina Sidaamaa kan ture, Obbo Destaa Leendaamoo Prezidantii naannichaa ta’e muudamuun gabaafame.

Akkasumas Manni marii naannichaa miseensota 190 qabu hundeeffamuu fi sagalee guutuun heera mootummaa naannichaa kan raggaasise yoo tahu, Obbo Salamoon Saalee Afa yaa’ii mana marii naannichaa ta’e filamuu odeeyfannoon ni addeessa.

Haaluma kanaan Bulchiinsi mootummaa saba Sidaamaa ifaatti hundeeffamuun, Naannoo 10ffaa mootummaa Federaalaa tahe jira.

Sirna Hundeeffama mootummaa naannichaa hardha magaalaa Hawaasaatti geggeeffame irratti, itti aanaa bulchaa naannoo Kibbaa dabalatee,hoggantoonni paartii Badhaadhina naannoo Kibbaa kan argaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button