header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Seenaa gabaabaa waa’ee kampii Baqattootaa Falasxiin

Falasxiinotaa fi Kaampii baqattootaa

Erga waraanni mootummaa Israa’el Gazzaa irratti haleellaa taasisuu jalqaberraa kaasee kaampiin baqattootaa yeroo hedduu yoo haleelamu dhageenya. Fakkeenyaaf wiixata darbe gaafa December 18, 2023 haleellaa Kaampii baqattoota Jabaaliyaa irratti raawwatameen Falasxiinonni 151 ajjeefamanii kanneen 313 ta’an ammoo madaayaniiran. Ammas namni hedduun kan caccaba jalatti dhokatetu jira. Gama kaaniin West Bank keessattis poolisiin Israa’el qawwee Kaampii Al Faari’aa irratti dhukaaseen ijoollee lama dabalatee namoota afur ajjeeseera.

Falasxiin keessatti kaampiin baqattootaa maaliif baay’ate?

Akka addunyaatti Kaampiin baqattootaa waan yeroo gabaabaaf tolfamuu fi, tajaajila isaa yoo raawwate kan diigamuudha. Haa ta’u malee Falasxiinootaaf garuu kan addaati. Bara 1948 irraa kaasee kaampiin bifa addaatiin tolfamaa ture.

Kaampiin hedduun loogoo UN kan ofirraa qabuu fi dukkaana xixiqqoon kan tolfamu ta’us, Falasxiin keessatti garuu Kaampiin bakkuma jireenya Falasxiinotaati jechuu dandeenya. Gamoowwan darbii dhedheeraa qaban ijaaramanii manni baruumsaa, masjiidoonni, suuqonni fi tajaajilli hawaasumma hedduunis keessatti tolfamee keessa jiraatan.

Bara 1948: Naqbaa “Balaa guddicha”

Hundeeffama Israa’el bara 1948 hordofee ummata Falasxiin irratti balaa guddaatu bu’e. lafti guddaan jalaa fuudhamee Israa’eloota awurooppaarraa baqatanii dhufaniif kenname. Kanuma hordofee Falasxiinonni 700,000 caalan lafa haarawa Israa’elootaaf kenname gad lakkisanii bahuun dirqama itti ta’e.

Hedduun namaa gara biyyoota ollaa baqatee, gariinis gara lafa falasxiinotaaf kennametti qabate. Namoonni baqatan kunniin ammoo kaampiilee keessatti walitti qabamuun dirqama itti ta’e. Akka dhaabbanni mootummoota gamtoomanii ibsutti ammaan tana kaampiiwwan 58 kan Falasxiinota of keessatti qabatetu jira. Kaampileen kunniin Lubnaan, Urduun, Suuriyaa, West Bank, Al Quds gama bahaa fi Gazzaa keesssatti tolfame. Kaampilee kanniin keessas falasxiinota miiliyana 5.9 ta’utu jiraata.

Jalqaba yeroo kaampilee kanniin hundeessaatiin itti makaman kaayyoon isaanii biyya bilisoomfatanii itti deebi’uuf ture. Haa ta’u malee shira garagaraatiin Falasxiinonni bilisummaa akka hin arganne taasifamanii Kaampima keessatti akka hafan taasifame.

Gazzaa fi baqattoota

Gazzaa keessa ummanni miiliyana 2.1 haga 2.3 ta’u akka jiraatu himama. Kana keessaa miiliyana 1.7 kan ta’u baqataadha. Gabaabumatti jiraattota Gazzaa keessaa parsantii 73 ol kan ta’u baqataadha. Kaampileen garagaraa saddeetis ummata kanaaf tolfameera.

  • Kaampii Raafaah
  • Kaampii Jabaaliyaa
  • Kaampii Khaan Yuunis
  • Kaampii Al Shaaxii
  • Kaampii Nuseeyraat
  • Kaampii Bureeyj
  • Kaampii Maghaazii
  • Kaampii Deer Al Balah

Akka dhaabbanni mootummoota gamtoomanii ibsutti jiraattonni Kaampii kanniin keessaa rakkoo hedduun miidhamaa turan. Hanqinni dhiheessii wantoota bu’uuraa lubbuu Falasxiinota hedduu miidheera. Jiraattota kaampichaa keessaa dhibbeentaa 48.1 kan ta’u dalagaa hin qabu. Akkasumas dhibbeentaa 95 kan ta’u bishaan qulqulluu hin qabu. Erga October 7 haleellaan irratti raawwatamuu jalqabee as ammoo rakkoon kan durii caalaa hammaate.

Madda qabsoo Falasxiinotaa

Falasxiinonni biyya isaanii ijaarachuu barbaadu. Kanaafis qabsoo hidhannoo godhuun yeroo dheeraaf falmataniiran. Kaampileen baqattootaa ammoo madda qabsaa’otaati. Hundeessaa Hamaas kan ta’e Sheikh Ahmad Yaasin erga milishoonni Israa’el qe’ee maatii isaa gubanii barbadeessaniin booda baqatuun dirqama itti ta’e. Sheikh Ahmad Yaasiin lafa amma harka Israa’elootaa jirtu Ashkeloon (Asqalaan) jedhamtu keessatti dhalate. Garuu weerara milishaa Israa’eliin maatii isaa waliin gara kaampii Al Shaaxii baqatee achitti guddate.

Gama biraatiin hundeessitoota warraaqsa Islamic Jihaad keessaa tokko kan ta’e Fathii Shaqaaqii kaampii Raafaah keessatti dhalate. Warraaqsa tokkoffaa ykn Intifaadaa tokkoffaa jedhamuun kan beekkamuu fi kan bara 1987 dhoohe, kaampii baqattootaa Jabaaliyaa keessaa jalqabe. Kanaaf mootummaan Israa’el Kaampilee kanniin barbadeessuu dalagaa godhattee itti seente.

Kaampiiwwan Gazzaa keessa jiran keessaa Jabaaliyaa irratti haleellaa cimaatu raawwatame. Manneen baruumsaa fi bu’uuraaleen misoomaa hedduun diigameera. Duraanuu ummanni Falasxiin kaampii keessatti baqatee jiraataa ture. Ammas namoonni hedduun magaalota akka Gazzaa gad lakkisanii akka baqatan godhameera. Waraanni kun saffisaan yoo dhaabbatuu batee rakkoon Gazzaa kan duraa caala yaachisaa akka ta’uuf deemu himameera.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button