header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Mootummaan Faransaayi Masjidoota 76 cufuuf tahuu beeksise

Mootummaan Faransaayi duula jibbaa Islamummaa fi muslimoota biyyattii irratti maqaa finxaaleeyyii amantaa balleessuu jedhuun jalqabe hammeessee itti fufe jira.


Ministeerri Dhiimma biyya keessaa, ibsa miidiyaaf keenne irratti Masjidoota 76 kan yakka finxaaleessummaa amantaa biyyattii keessatti babal’isaa jiru jechuun shakkaman irratti, akka qorannoon geggeeffamaa jiru fi  kan tarkaanfii irratti fudhatamu tahuu beeksise.


Qondaalli ol’aanaan ministeerichaa Jeeraald Deermaniin barreeyfama fuula twitter isaa irratti baaseen “Guyyaa muraasa booda Masjidoota qorannoopn irratti geggeeffama jiru irratti ragaan yoo argame ni cufamuu”jedhe.

Itti ida’un waggoota sadan dabran keessa eega Prezdaant Imaanu’el Makroon gama aangoo dhufe as,biyyattii keessatti masjidoonni 43 cufamuu ibse.


Jibbiinsa Islaamaa Faransaay keessati hammaate kanaan walqabatee, dararaan muslimoota biyyattii irraatti raawwatamus hammaatee jira.

4 Comments

  1. osoo inni nicufama jedhe yaadu Rabbin kan inni cufamee nuhaa agarsiisu Rabbin Aduwwi muslima dhabama haagodhu

  2. hassbun Allah wanmil wakkil yaa rabbi nurra kasii zalimma yaa Rahman 🤲🤲🤲☝️😭😭😭

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button