header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Gareen Huusii Baqqattoota lammiilee Ityoophiyaa irratti ajjeechaa fi dararaa gara garaa raawwataa jiraatuu ibsame

Dhaabbanni mirga namoomaatiif falmu Human Right Watch gabaasa Khamiisa har’aa baaseen, gareen Huusii Kaaba Yaman too’atu baqattoota lammiilee Ityoophiyaa irratti ajjeechaa dabalatee dararaa hamaa raawwataa jira jechuun yakke.

Dhaabbatichi gabaasa bal’aa baqattoota dubbisuun baase kanaan, hidhattoonni Huusii baqattoota heddu manneen hidhaa dhiphaa fi ilma namaatiin hin mallee keessatti ugguranii akka jiranii fi Ji’a April dabre irraa jalqabee ammoo vaayirasii koroonaa sababeefachuun, baqattoota kanneen jiddu hanga tokko daangaa Sa’uudii irratti akka gatan beeksise. Baqattoota daangaa irratti darbaman jidduu muraasni eegdota daangaa Sa’uudiitiin ajjeefamuus gabaasichi ni mulli’sa.

Yeroo ammaa kanas baqattoonni kumaatamaan lakkaahaman manneen hidhaa Huusii keessa akka jiranii fi kutaa tokko keessatti qofa namoonni 400 ol kan ugguraman tahuu gabaasichi ni addeessa. Dabalataanis baqattoonni gammoojjii daangaa Sa’uudii fi Yaman keessattis darbataman, akkasumas kanneen achuma Yaman magaalota keessatti daandii irra jiran gargaarsa tokkollee dhabuun, beelaa fi dhibeen dararamaa akka jiranis gabaasni Human Right Watch ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button