Odeeyfannoo Biyyaa
Mootummaa Naannoo Tigraay Hidhamtoota 1568 dhiifaman lakkisuuf
Bulchiinsi naannoo Tigiraayi sababa tatamsaa’a dhibee COVID-19 ittisuuf jedhuun, hidhamtoota 1568 kan adabiin hidhaa irratti muramee fi dhukkuboota gara garaan qabamanii, dhibee Koroonaaf saaxilamuu malu jedhaman, ogeeyyii fayyaan eegaa adda baafaman booda hidhaa irraa lakkisuuf kan murteesse tahuu gabaafame.
Akkasumas hidhamtoota badii raawwataniif dhiifama gaafatanii fi kanneen jijjirama amalaa agarsiisan kan hidhaa baafamuuf jiran tahuu VOA’n qondaaltoota naannichaa wabeeffachuun gabaase.
maasha allaah bayyee gaariidha jabaadha itti fufaa