header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ustaaz Abdurrahmaan Huseeniif sagantaan simannaa godhame

Hidhaa irraa hiikamuu Daayireekteeraa Miidiyaa NUURALHUDAA fi bu’uuressaa Jaarmaya Sumayyootaa fi Bilaalotaa kan tahan Ustaaz Abdurrahmaan Hussen (Xaalibu Ridallaah) ilaalchisee, hawaasni muslimaa godina Arsii aanaa Digaluufi Xiijoo ganda Fittee Kataaraa baga Rabbiin hidhaarraa isin baase jechuun sagantaa guddaa qopheessan.

Sagantaa kanarratti hawaasni muslimaa lakkoofsaan guddaa ta’e, akkasumas ulamoonni fi keessummoonni iddoo garagaraa irraa affeeraman argamuun qooda fudhatanii jiru.

Ulamootaa fi keeysummoota sagantaa kanarratti argaman jidduu, Dr.Jibriil Qamar, Dr.Sa’iid Juneydii, Ustaaz Nuuruu Muhammad, Ustaaz Muhammadamiin Hasan, Ustaaz Sa’ad Aliyyii, Ustaaz Najaa Muhammad fi Hoogganaa Majlisa Aanaa Digaluufi Xiijoo Sh/Jeylaan Oogatoo dabalatee kanneen birootis argamuun qooda fudhatanii jiru.

Back to top button