header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 30 darbe

Sadarkaa Idil Addunyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 30 kan darbe yoo tahu, namoonni miiliyoona tokkotti dhihaatan ammoo sababa vaayrasichaan lubbuun darbanii jiru.

Ragaa hanga ammatti jiruun namoonni kuma 900 fi kuma 45 fi 159 lubbuun isaani yoo darbu, namoonni miiliyoona 21 fi kuma 800 fi kuma 8 fi 302 ammoo vaayrasicharraa dandamataniiru.

Biyyoota vaayrasichi daran miidhe keessa Ameerikaan sadarkaa duraarratti argamti. Haaluma kanaan lamiileen isii miiliyoona 6 fi kuma 800 fi kuma 28 vaayresichaan yoo qabaman, namoonni kuma 200 ol tahan sababa vaayirasii kanaatiin du’anii jiran.
Akka Ardii Afrikaaatti namoota 1,381,609 vaayirasichaan qabamuu gabaafame jidduu namoonni 33,330 du’uu gabaafame. Ityoophiyatti ammoo hanga guyyaa har’aatti namoota 66,224 vaayirasichaan qabamuu gabaafame jidduu namoonni 1045 du’uu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button