header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Manni Murtii Jarmanii tokko himannaa Azaanni sagalee guddistuun akka hin godhamne jedhu kuffise

Biyya Jarmanii kutaa North Rhine-Westphalia jedhamtu keessatti bulchiinsi magaalaa Oer-Erkenschwick Azaanni sagalee guddistuun akka hin godhamne ugguree ture. Kanuma hordofuun hawaasni muslimaa magaalattii waggaa shan dura uggurichi mirga amantaa kan sarbe jechuun mana murtiitti iyyatanii turan.

Himannaa namoonni dhuunfaa lama bara 2015 dhiheeffatan kana hordofuun waggoota shaniif Azaanni guyyaa jum’aa ugguramee kan ture yoo tahu. Arba’aa kaleessaa manni murtichaa murtii xumuraa kennee jira. Manni murtichaa “hawaasni tokko sirna amantaa isaa yeroo geggeeffatu kan biraa ammoo ilaalchaa hamaatti fudhatuu hin qabu”jedhe.

Haaluma kanaan Masjiidonni magaalatti guyyaa Jum’aa sagalee guddiftuu akka fayyadaman hayyamee jira.

12 Comments

  1. Alhamdulillaah Alhamdulillaah Alhamdulillaah Baga haqa islaamaa ifa baase
    Ammalee islaama Adduniyaa Rabbiin ha gargaaru

  2. Maashaa’allaa maashaa’allaah maashaa’allaah Yaa Qopheessitoota miidiyaa Nuural hudaa jeezaa keessan Rabbiin jannatul firdoosiin isinii hakaffalu jzk

  3. masha allah Garuu yeroo bayee midhaan Musilimtootaa iraati gageefamaa taa Allah Atii Nuud dhabaadhuu Ammale

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button