header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AkhlaaqaOg-Barruu

Osoo hundi keenya qaceellee waan tahu beytuu?

Ajaa’iba. Osoo dhugaan waan ergamaan Rabbii(SAW) nuttiin dhufe qalbiin teenya amantee, osoo dhugaan ajaja Rabbii fudhannee waan dhoorkamnerraa fagaannee silaa qananii guddoo keessa seenna. Samiin Rooba dhangalaaftee, dachiin midhaan gaarii adda addaa nuuf biqilchiti. Silaa nagaya arkannee mi’aa jiruu dhamdhamna. Garuu namni hedduun waan ergamaan Rabbii(SAW) dhufeenitti hin amanne. Didee, kijibsiisee jillinaaf utaala. Badiin hojjennu deebitee numa sakaalti. Kanaaf badii ifumaa hojjanneen qabamnee rakkoo hamtuutti mucucaataa oolla. Mee Aayata Suuraa A’araaf kana qalbisaa.

* وَلَوْ أَنَّ أَهْلَ الْقُرَىٰ آمَنُوا وَاتَّقَوْا لَفَتَحْنَا عَلَيْهِم بَرَكَاتٍ مِّنَ السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ وَلَٰكِن كَذَّبُوا فَأَخَذْنَاهُم بِمَا كَانُوا يَكْسِبُونَ *

“Osoo warri magaalattii amanee (Rabbi) sodaatee, silaa dhugumatti Nuti samii fi dachiirraa Barakaawwan isaaniif banna turre. Garuu isaan (ergamaa Rabbii) ni sobsiisan. Kanaaf waan isaan hojjetaniin isaan qabne”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button