header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Allaattiin kun maaliif dhakaa xixiqqoo soorata?

Uumamni kun Tarkii jedhama. Tarkiin sanyii Allaattii yoo tahu. Allaattiiwwan qaama gurguddaa qaban keessatti ramadama. Allaattiin Kun maaliif akka Maqaa biyya Tarkiyaatiin yaamame ragaa qabatamaa argachuu hin dandeenye. Seenaan Afoolarraa barreeffame akka ibsutti, Daldatoota Tarkiittu Allaattii kana gara Ardii Ameerikaa fides ni jedhama. Garuu Ragaa qabatamaa Argachuu hin dandeenye. Lammiileen Ameerikaa foon allaattii kanaa waan akkaan jaalataniif, kunuunsa guddaa godhuufitti jiru.

Sanyiin Allaattii kanaa gosa lamatu jira.  Isaanis Wild Turkey fi Ocellated Turkey jedhamuudhaan beekkamu. Wild Turkey’n isa irra guddaa yoo ta’u, haga meetira 1.2 dheerata. miilli isaa dheeraa fi qal’aadha. miila isaa kanarraayis quba sadi sadi qaba. Kunis boolla qotee soorata baasuudhaaf isa gargaara. Kormaan Wild Turkey mormaa fi mataan isaa bifa diimaa kan qabu yoo ta’u, baallii fii rifeensa ofirraa hin qabu. Kokkee isaa jalaa ammoo qaama biraa kan gad rarra’u qaba.  Qaamni isaa kan morma jalaa rarra’u kun yoo fageenyarraa laalan, qaama madaayee diimate fakkaata.

Wild Turkey

Ocellated Turkey inni jedhamu ammoo qaamni isaa kan wild Turkey’tiin yoo wal bira qabamu xiqqaadha. Haa ta’uu malee innis haga meetira tokkoo dheerata. Sanyiin Ocellated Turkey jedhamu kun boca qaama isaatiin Sanyii Allaattii Piikook jedhamuun walitti dhihaata. Ocellated Turkeyn qaama qal’aa fi miila dheeraa qaba. Akkuma wild Turkey Kormaan sanyii kanaa morma irraa rifeensa hin qabu. Garuu akka Wild Turkey san diimaa qofa osoo hin taane, bifa cuquliisas ni qaba. Walumaa galatti Avreejiidhaan ulfaatinni Turkey Kilograama Afurtamatti dhihaata. Qabxiilee asii olitti ilaalleen ala haalaa fi amalli Sanyii Tarkii lameeniituu wal fakkaataadha.

Ocellated Turkey

 

Dandeettiin waa arguu fi dhagahuu Tarkii akkaan guddaadha. Diinaa fii Soorata isa barbaachisus dandeettii argaafi dhageettii kanatti fayyadamee fageenyarraa adda baafatuu danda’a. Allaatiin kun sanyiiwwan Omnivorous jedhaman keessatti ramadama. Warra Foonii fi biqiltoota sooratu jechuudha. yeroo ammaa garuu namoonni uumama kana madaqsanii kunuunsan, biqiltoota qofa akka sooratu godhanii jiru. Akka qorattoonni jedhanitti, sanyiin allaattii kanaa yoo yeroo hunda biqiltoota qofa soorate foon isaa gaariidha.

Allaattiin kun yoo soorata barbaadatuu muka keessa deddeemutti, takii xixiqqoollee lafa keessa barbaadaa liqimsa. Takkii xixiqqoofi dhagaa caccabaa yoo arge bira hin taru. Dhagaan maal isa fayyadaaf liqimsa jettanii gaafatuun keesssan waan hin oolamne. Garaachi Allaattii kanaa akka Allaattiiwwan biroo humna jabaa hin qabu. Sababaa kanaaf sooranni inni sooratu hundi haala salphaan hin daakamuuf. Kanaaf takii xiixiqqoo lafaa guuraa liqimsa. Eega takii heddu liqimsee booda, deeggarsa takii kanaatiin sooranni isaa haala salphaan yeroo gabaabaa keessatti bullaayee daakkamaaf jechuudha. Subhaan ALLAH. Waan kana eenyutu isa beeksise? Warri wanti hundi akka tasaa argame jedhu kanaaf hoo deebii akkamii kennuuf deema laata? Allaattiin kun akka tasaa osoo firii mukaa lafaa qocatu takii waliin liqimse. Achi booda sooranni yeroo gabaabaa keessatti daakameef. Mala kana hiriyoota ofiititti himee ilmaa ilmoo ofiitis dhaalchisaa har’a gaye jechuun isaanii hin oolamu. Warra Rabbiin itti dukkaneesse kana innummaan ifa haa banuuf jenna. Allaattiin kun beekumsa kana Rabbii isaa irraa badhaafame. Rabbii qaama isaa uumetu mala kanas isa barsiise. Allaattiin Tarkii jedhamu kun eega dachii tanarratti uumamerraa kaasee haga har’aa takii guuraa liqimsutti jira. Kun dandeettii Rabbiin isa badhaase malee waan akka tasaa argamuu danda’uu miti.  Sooratni uumama kanaa hedduminaan biqiltoota, firiiwwanii fi daraaraa garagaraati. Dabalataan ilbiisota, Amfiibiyaanotaa fi hoosiftoota xixiqqoo kan akka Tuqaatis ni soorata.

Qaamni Allaattii kanaa guddaa waan ta’eef, samii irra barrisuu hin danda’u. garuu ilmooleen xixiqqoofi, sanyiileen qaama xixiqqaa qaban yeroo gabaabduuf samii irra barrisuu ni danda’u. warri barrisuu hin dandeenyes yeroo dheeraa mukarraa mukatti utaalaa jiraatu. Yeroo tokko tokko qofa lafa bu’anii dachii irra qubatu. Sababaa kanaaf allaattii kana lafarratti arguun rakkisaadha.

Tarkiin garee uumee qubsuma mataa isaa gamtaan tolfatee jiraata. Gareen hundi hogganaa tokko tokko qaba.  Yoo miseensi haarofni garee biraa irraa baqatee gara isaanii dhufes ni simatu. Garuu miseensa haarawa dhufe kana akka salphatti hin keessummeessan. Seeraa fi heera garee saniitiif akka bitamuuf jecha, miseensa haarawa dhufe kana yeroo dheeraaf rakkisu. Kana booda allaatiin baqatee gara isaanii godaane kun, akka mana isaa osoo hin taane, keessummaa ta’uu isaa beekee akka baqataatti jiraata.

Tarkiin diina heddu qaba. Qaamni isaatis guddaa waan taheef soorata bineensa hedduu taha. sababa kanaaf bineensonni daggalaa fi ilmi namaa uumama kana adamsuudhaan sooratu. Bofni, Jeedallii fi ilmi namaa warroota adda-dureedhaan uumama kana adamsanii soorataniidha.

Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa warra dhiiraa jiddutti wal dorgommii jabaatu godhama. Wal dorgommiin kun nagayaan kan jalqabamu yoo ta’u, yeroo garii garuu lolaan xumuramuu danda’a. wal dorgommiin isaanii kan humnaa osoo hin taane kan bareedinaati. Warri dhiiraa qaama isaanii gara boca garagaraatti jijjiiruudhaan dhaltuu ofitti hawatu. Dhaltuunis dhiira itti bareede filattee wal qunnamtii hormaataa raawwatti. Yeroo garii kormaan dorgommii moohatame xumura irratti humna fayyadamuu danda’a. garuu yeroo heddu dorgommiin isaanii nagayumaan goolabama.

Dhaltuun takka eega wal qunnamtii raawwatteen booda hanqaaquu haga 12 buusti. Goojjoo diinarraa fageessitee ijraatee achi keessatti hammatti. Ji’a tokkoof eega hammatteen booda ilmoolee keessaa yaasti. Umriin Allaattii Turkii inni guddaan haga waggaa 10ti.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button