header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Appilikeeshiiniin ‘Muslim Pro’ jedhamu odeeyfannoo daataa fayyadamtootaa Waraana Ameerikaatti gurgurata jedhu haale

Miidiyaan “Vice”jedhamu Wixata kaleessaa akka gabaasetti, Waraanni Ameerikaa daataa namoota dhuunfaa dhaabbilee appilikeeshiinii irraa kan bitu akka taheefi, Appilikeeshinoota dhoksaan daataa odeeyfannoo maammiltoota isaanii gurguran jidduu tokko Muslim Pro tahuu beeksise.

Akka gabaasa kanaatti Appilikeeshinootni heddu karaa dhaaba dallaala daataa X-Mode jedhamuutiin, iddoo jireenyaa namootaa, maqaa Wi-Fi fi lakkoofsa telefoonaa dabalatee, odeeyfannoo fayyadamtootaa heddu waraana Ameerikaatti gurguratan.

Odeeyfannoon kun eega bahee booda, fayyadamtoonni Muslim Pro bulchiinsa Appilikeeshinicha balaaleffatuun duula delete Muslim Pro (ofirraa haqaa) jedhu geggeessaa jiran.

Bulchiinsi Appilikeeshiinichaa ‘Bitsmedia’ jedhamu ibsa har’a baaseen, waggoota 10 ol maammiltoota isaa amanamummaan tajaajilaa akka tureefi, ragaalee maammiltoota isaatis iccitiin kan qabatu tahuu ibsuun, odeeyfannoo daataa fayyadamtootaa Waraana Ameerikaatti gurgurata jedhu soba jechuun haale. Dabalatanis Muslim Pro’n dhaabbata X-Mode jedhamu waliin ji’a 4 dura bulchiinsa daataa irratti waliin hojjachuuf walii galtee akka mallatteesse fi himannaa amma dhiyaate kana waliin walqabatee waliigalticha haquu beeksise

Appilikeeshiiniin Muslim Pro jedhamu kan waajjiirri isaa Singapore keessatti argamu kun maammiltoota miiliyoona 98 ol kan qabu yoo tahu, kallattii qiblaa akeekuu, waqtii salaataa nama yaadachiisuu fi tajaajila brootis kennuun beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button