header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Ummanni Turkiyaa filannoo prezdaantummaa fi miseensota paarlaamaatiif sagalee kennuu jalqabe

Turkiyaan rifarandamii bara dabre geggeessiteen bulchiinsa biyyattii sirna paarlaamentii irraa gara prezdaantummaatti eega jijjiirteen booda, ummanni biyyatti Alhada har’aa yeroo jalqabaatiif Prezdaantii  isaa kallattidhaan filachuudhaaf sagalee kennuu jalqabe. Dabalataanis Filannoon miseensota paarlaamaatis har’uma kan geggeefamu tahuun beekamee jira.

 

Paartiileen siyaasaa saddeet filannoo kana irratti kan hirmaataa jiran yoo tahu, kaadhimamtoonni prezdaantummaa jaha ammoo waldorgommiif dhihaatanii jiru. Kaadhimamtoota prezdaantummaaf dhihaatan jidduu Mr Muharram Ince prezdaant Rajab Xayyib Erdogaaniif morkataa cimaa ni ta’a jedhamee kan tilmaame tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Prezdaant Erdogan paartii Haqaa fi Dagaaginaa (AK party) jedhamu bakka bu’uun kan dorgomu yoo tahu, Mr Muharram Ichee ammoo paartii Republican people’s party jedhamu bakka bu’uun dhihaate.

 

Prezdaant Erdogaan magaalaa Istaanbul keessatti  Sabtii kaleessaa duula na filadhaa geggeesse irratti “Taayitaan prezdaantummaa muuxannoo guddaa barbaada”jechuun morkataa isaa Mr Muharram Ichee Turkiyaa hoogganuudhaaf muuxannoo gayaa hin qabu jechuun qeeqe. Mr Muharram gama isaatiin “guyyaa boruu irraa jalqabee Turkiyaan biyya addaati”jechuun filannoo kana injifatuun taayitaa prezdaantummaa qabachuudhaaf abdii qabu ibsate.

 

Filannoo guyyaa har’aa geggeefamu kanaan kaadhimamaan Prezdaantummaa tokko  sagalee 50%  ol yoo hin argatin filannoon marsaa lammaffaa July 7/2018 kan geggefamu tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Lammiileen Turkiyaa heddu filannoon ammaa kanaan Prezdaant Erdogaan yoo kan injifatu tahe, dhageettiin Turkiyaan addunyaa keessatti qabdu daran ol guddata abdii jedhu kan qaban tahuu gabaasni Aljaziiraa irraa arganne ni mul’isa.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button