header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AkhlaaqaOg-Barruu

Lafa tanarratti qixa Nabi Muhammad(SAW) namni haqa dalage hin jiru


Hadiisa Aa’ishaan odeysiteen, gaaftokko intala warra Al Makhzuumiyyaa takkaatu waa hate. Inatala warra guddaati. Hanna isii kanaaf harki irraa muramuun Qureyshii yaachifte. Hattuus, intala warra guddaa waan taateef dhiifmani godhamuufii qaba yaadan. Akka harki isii hin muramneef ‘eenyu Nabitti ergina?’ ja’anii marihatan. “Mee eenyuu Nabi nuuf dubbisa?” ja’anii iyyaafatan. “Usaamaa ilma Zayid iitu Nabitti akkaan dhihaata. Warra Zayid kana Nabiin akkaan jaalata. Isa haa erginu” ja’anii waliif galan.

Itti geysinaan Usaamaan dubbii tana fudhatee manguddummaaf bahee ergamaa Rabbiitti(SAW) dhaqe. Dhimma akkanaa irrattiin manguddummaaf dhufe jennaan Rasuulli(SAW) hedduu dallane. “Daangaa daangaa Rabbii irraa tahe keessa manguddummaa dhuftee?” ja’e Usaamaan. Akka murtiin Rabbii hin raaw’anneef magantaa dhaabbattaa? jechuu isaati.

Rasuulli(SAW) Usaamaa qofatti dubbatee hin dhiifne, ka’ee ummataas dubbise. “Ummatoo dhagahaa! Ummata isin duraa wanni Halaake(balleesse), gaafa namni kabajaa qabu isaan keessatti waa hate dhiisaa turan(murtii Rabbii irra hin dhaaban). Gaafa namni laafaan isaan keessaa waa hate ammoo murtii irra dhaaban. Rabbittiin kakadha! Osoo Faaximaan intalti Muhammad hattee harka isiitiin mura” ja’e ergamaan Rabbii(SAW).
ҢӢӢ
Lubbuun too fidaa kee haa baatu yaa ergamaa Rabbii. Nama si caalaa Rabbiif jiraate lafti tun ba’attee hin beytu. Sadarkaan gararree warra haqa hojjetuu akkana. Namni waan jaalatu kamuu dura haqa hin dursine, haqa murteessuu hin dandahu. Haqa murteessuuf taateewwan mudatanii fi manguddummaan if booda nama deebisuu hin qabdu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button