header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Barbaachisummaa Yeroo

Sa’aa barruu tana dubbisaa jirtanitti, umrii isiniif kennamerraa daqiiqaawwan hir’ifamutti jiru. Yeroon amma dabrite tun, abaduu haga nuti dachii tanarraa dhabamnutti hin deebitu. Yeroon, waan hundarra qaaliidha. Ummanni addunyaa tanarra jiru, yeroodhaaf moggaasa adda addaa kennan. Gariin yeroon warqiidha (the time is gold) jedhan. Gariin ammoo, yeroon warqiirra qaaliidha jedhan.  Warqiin maallaqaan bitamuu danda’a. garuu yeroon mallaqaan bitamtu hin jirtu. Mallaqni addunyaan tun qabdu hundi osoo walirratti ida’amtee, guyyaa sa’aa 24 irratti, secondi takka bituun hin danda’amu.

Islaamummaan yeroodhaaf bakka guddaa kenniti. Rabbiin qur’aana keessatti yeroodhaaf xiyyeeffannaa akka kenninu yoo nuuf himu akkana jedhe:

إِنَّ فِي ٱخۡتِلَٰفِ ٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِ وَمَا خَلَقَ ٱللَّهُ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَتَّقُونَ ٦

“Dhugumatti walirraa bakka bu’uu halkaniifi guyyaa keessa, waan Rabbiin samiifi dachii keessatti uume keessaas namoota (Rabbi) sodaataniif mallattooleetu jira”(suuraa Yuunus aayaa 6ffaa)

Halkanii fi guyyaan yeroo irratti hundaa’anii jijjiiraman. Rabbiin ammoo jijjiiramani kunniin mallatoolee isaa keessaa tokko ta’uu nutti himutti jira. Waan kana ta’eef nutis waan kana xiyyeeffannaa guddaan ilaaluu qabna. Dabalataan islaamummaan ibaadaa godhamu hunda yeroodhaan qoqqoodee nuuf kenne. Fakkeenyaaf fajrii bahiinsa aduu dura yeroo lafti bari’uuf deemtu salaanna, Zuhrii ammoo yeroo aduun walakkaa irraa waa xiqqoo mataa jalliste salaanna, Magriiba ammoo yeroo Aduun seentu salaanna. Ramadaana keessa soomana baha aduutii hanga seensa aduutti soomanna. Walumaa galatti ibaadaan godhamtu hundi yeroo wajjiin hidhata waan qabduuf xiyyeefannaa guddaa itti kennuu qabna. Saa’aan Fajrii yoo nu jala dabre saa’aa san deebisnee argachuu hin dandeenyu. Kanaafuu yeroo of harkaa qabnu kana xiyyeeffannaa guddaan itti fayyadamuu qabna.

Umriin nuti qabnu qabeenya keenya. Qabeenya kana ammoo maallaqaan tilmaamamuu hin dandeenyu. Qabeenya guddaa kana guyyaa qiyaamaa irraa gaafatamuun keenya hin oolamu. Hadiisa Tirmiziin nuun gahe keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan, ‘Miilli gabricha Rabbii waa afur irraa gaafatamu malee guyyaa qiyaamaa bakka dhaabbate sanii hin sosso’u: Umrii isaa akkamitti akka dabarse; dargaggummaa isaa akkamitti akka dabarse; qabeenya isaa – eessaa akka argatee fi maal irra akka oolche; beeksumsa isaa akkamitti akka ittiin dalage” hundaa irraa gaafatama jedhan. Kanaafuu gaafiilee guyyaa boruu Rabbi duratti deebisuun dirqama nutti ta’u keessaa yeroon isa duraa waan ta’eef, xiyyeeffannaa itti kennuu qabna. Yeroo irraa wayta lama gaafatamna, umrii keenya guutuu maalitti akka dabarsine, akkasumas dargaggummaa keenya akkamitti akka dabrsine ni gaafatamna.  Kanaafuu xiyyeeffannaa itti  kennuudhaan yeroo keenyatti haalaan itti fayyadamuu qabna.

Hedduun keenya waan umriin dheeraan nuu hafu nutti fakkaata.  Yeroon akkuma duumessa qilleensaan dhiibamuu osoo as jira jennee eegnu kutee biyyaa baha. Umriin nuti jiraannu hagamuu dheeraa osoo ta’ee, jiruun teenya gabaabduudha. Sababni isaa xumura irratti du’atu karaa irra dhaabbatee nu eega. Nabiyyallaah Nuuh (AS) namoota dachii tanarra umrii dheeraa jiraatan keessaa tokko. Jireenya addunyaa tana akkamitti ibsita jedhamee gaafatamnaan deebisaa ajaa’ibaa kenne. “Jiruun addunyaa tanaa akka mana hulaa lama qabuuti. Hulaa tokkoon seenee hulaa kaaniin keessaa bahe” jedhe.  Nabiyyallaah Nuuh (AS) Waggaa dhibba sagalii ol jiraatee jiruu addunyaa tana akkanatti eega ibsee, nutiin waggaa 60 fi 70 jiraannu hoo yeroo tana akkamitti ilaaluu qabna.

Wanti takka dabre deebi’ee hin dhufu. Tarii salaata fajrii har’a salaannee jirra ta’a. Fajriin boru dhufu garuu kan  kaleessa dabre sanii miti. Fajrii biraatiin walitti dhufna. Yeroon hundi takka dabarraan deebi’ee hin dhufu. Bakka buusuu wanti jedhamus waan yaadamuu miti. Akka warra Kubbaa taphsiisuu saa’aa dabalataa jedhanii wanti dabalanis hin jiru. Sa’aatii san saa’aatii dabalamte jedhanii waamuunis hin taatu. Saa’aa isa if duraa irraa hatamte jennee waamutu irra gaari. Kanaafuu waan qabnu boritti dabarsinee, saa’aa boru qabnu irraa fayyadamna jechuu osoo hin taane, ta of harkaa qabnu osoo nu harkaa hin bahin itti fayyadamuu qabna. Hasan Al Basriin (rahimahullaah) waa’ee yeroo yoo haasawu akkana jedhe, “Guyyaan hundi ‘Yaa ilma aadam, An uumama haarawa. Waan dalagduufi jireenya kee irrattis ragaa sitti baha. Kanaafuu si jalaa deemuu kiyyaan dura natti fayyadami. Guyyaa qiyaamaa malee anii fi ati walitti hin deebinu’ nuun jetti” jedhe. Dhugaadha. yeroon nuti amma of harkaa qabnu yeroo haarawa nuuf kennamte. Tan boru dhuftus guyyaa haarawaa fi yeroo haarawa. Kanaafuu nu harkaa baatee guyyaa boruu ragaa nutti ta’uu isiitiin dura ammuma dhaqqabannee bu’aa irraa haa buufannuu.

Akkuma jalqaba irratti jenne, yeroon warqii fi qabeenya dachii tanarra jiru hunda caalaa qaaliidha. Yeroon jiruudha. Ammas dhimma kanarraa Hasan Al basriin (rahiimahullaa), ‘Yaa Banii Aadam, Ati walitti eda’amiinsa guyyaati malee waan biraatii miti”¦ adaduma guyyaan tokko deemuun, sirraallee wanti tokko deema” jedhe. Kanaaf Umar ibn Abdul Aziiz (rahiimahullaa), “halkanii fi guyyaan si nyaata, kanaafuu atis isa nyaadhu” jedhe. Yoo nuti usnee teenye Yeroon umrii keenya nurraa fudhatee guyyaa boruu ragaa nutti baha. Akka akkas hin taane, nuti yeroo arganne tanatti fayyadamnee boruuf of qopheessuu qabna.

Rabbi ilma namaa kanatti tola heddu oole. Tola isaa tokko lama jennee laakkooynee fixuu hin dandeenyu. Tola heddu Rabbiin nutti oole keessaa tokko yeroodha. Haa ta’u malee hedduun keenya yeroo badhaafamne tana faaydaa isii irraanfachuun, irraa fayyadamuu dadhabnee jirra. Ibn Abbaas (RA) Nabiin (SAW) ” Ni’maa lama kan ilmi namaa itti fayyadamuu dadhabetu jira. Isaanis fayyaa fi Yeroodha.” jedhan jedhee nuuf gabaase. Eeyyan wanti akka fayyaa qaaliin hin jiru. Fayyaa malee dalagaa takkallee dalaguun hin danda’amu. Akkasuma namni fayyaa qabus yeroo qabaatu malee ibaadaa Rabbii dalaguun itti ulfaata. Rabbi wantoota qaqqaalii lamaan tannin nu badhaasee, nuti garuu itti fayyadamuu dadhabnee jirra. Kanaafuu akka muslima tokkotti, wantoota Rabbiin nu badhaase kanniin ammuma itti fayyadamuu qabna.

Ilmi namaa jiraachuu ni fedha. Jiraachuu qofa osoo hin taane umrii dheertuu jiraatuu fedha. Osoo danda’amee duutii jiraatuu baatteellee ni hawwa. Dhugaadha Umrii dheeraa jiraachuun ni’maa Rabbi namaaf kennu keessa isa tokko. Garuu sun yoo namni sun waan gaarii irra jiraate qofa ta’a. umrii isaa dheertuu keessatti dalagaa bareedduu heddummeessee yoo hojjate, ajriin isaatis akkasuma daran heddummaatee isa eega. Garuu umrii isaa dheertuu san keessatti dalagaa hamtuu heddummeessee dalagnaan, kasaaraa guddootu isa eeggata. Rabbi warra kasaaru irraa nu hin godhin. Kanaaf ergamaan rabbii (SAW) ‘ilma namaa keessaa isa kamtu irra caalaadha?’ gaafii jedhu gaafatamnaan, “Isa umrii dheeraa turee dalagaa gaarii hojjate” jedhanii deebisan. Kanaafuu faallaan kanaa maal akka ta’uu danda’u hubatuu ni dandeenya. Yeroo qabnu tana keessatti, dalagaa kheeyrii heddummeessuun irraa fayyadamuun abshaalummaadha.

Keessattu ji’a Ramadaana dhufaa jiru keessa yeroo keenya wantoota gaggaarii irratti dabarsuu qabna. Dalagaan kheeyrii ji’a Ramadaanaa keessa hojjatamu, dachaa hedduun namaaf baay’ifama. Kanaafuu nutis ji’a kana kheessa dalagaa kheeyrii heddummeessutu nurraa eegama. Ramadaana kanaan yoo Rabbiin nu gahe badhaasa Rabbiiti. Kan itti aanu bira gahuu keenya hin beeknu. AKkasuma isuma kanayyuu xumurree iida bira gayuu keenya hin beeknu. Yeroo keenya fiilmii fasaadaaa ilaaluu irra daa’waalee garagaraa daaw’achuudhaan dabarsuu qabna. Haasawa faaydaa hin qabneen yeroo keenya gubuu irra, arraba keenya zikrii rabbiitiin jiisuu qabna, muuziqaa dhaggeeyfachuun qalbii teenya goggossuu irra, Qur’aana dhaggeeyfatuun  qalbii teenya jiraachisuu qabna. Walumaa galatti ramadaanaa kana ramadaana bu’aa heddu ittiin argannu gochuudhaaf gamanumaa niyyatuu qabna. Yaa obboleewwan islaamaa,  yeroo of harkaa qabnu tanatti fayyadamnee milkii duniyaa aakhiraa haa goonfannuu.

 Qophii Abu Ibtisam

 

Back to top button