header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Manni Murtii Haqa Addunyaa Muslimoota Rohingiyaa irratti duguuggaan sanyii raawwatamaa jiraachuu mirkaneesse

Manni Murtii Idil Addunyaa International Court of Justice (ICJ) jedhamu, duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame ilaalchisee, himannaa yakkaa Gaambiyaan mootummaa Miyanmaar irratti bante December dabre ilaaluu jalqabe. Haaluma kanaan manni murtichaa himannaa December 10-12/2019tti dhageefataa ture ilaalchisee Khamisa har’aa murtii kenneen, mootummaan Miyanmaar muslimoota Rohingiyaa irratti duguuggaa sanyii raawwataa jira jechuun murteesse.

Haaluma kanaan miseensonni dhaddhacha mana murtii haqaa addunyaa abbootii seeraa 17 hammate, murtii ganama har’aa magaalaa The Hague keessatti dabarseen, mootummaan Miyanmaar ji’a afur keessatti duguuggaan sanyii muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatamaa jiru dhaabbachuu akka mirkaneessuu; ragaaleen himannaa yakkaa mul’isan akka hin badne ogeeyyonni idil addunyaa garasitti bobbaa’uun akka qoratan ajajee jira.

Hoggantuun Miyanmaar Aang San Suchii ji’a dabre gara The Hague imaluun mana murtichaa duratti duguuggaan snyii hin raawwatamne jechuun mormuun isii ni yadatama.

Manni Murtii Haqa Idil Addunyaa ICJ’n dhimmoota biyyoota lama jiddutti ka’an kan ilaalu yoo tahu, biyyiti Lixa Afrikaa Gaambiyaan Gamtaa Biyyoota Islaamaa 57 bakka bu’uun mootummaa Miyanmar irratti himannaa kana bante.

Haaluma wal fakkaatuun Manni Murtii Yakka Idil Addunyaa ICC jedhamu kan achuma Netherlands magaalaa The Hague ‘tti argamu, qondaaltota mootummaa Miyanmaar duguuggaa sanyii muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame keessaa harka qaban irratti himannaa banuuf, kan qophaayaa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Muslimoota Rohingiyaa ajjeechaa fi dararaa hamaa mootummaan Miyanmaar isaan irratti raawwataa ture jalaa lubbuun hafan jidduu, ummanni 700,000 ol gara biyyoota ollaatti kan baqate tahuu UN dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa gabaasaa turuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button