header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Manni Murtii Gamtaa Awrooppaa Hamaas galmee dhaabbata Shororkeessitootaa keessaa akka haqamu murteesse

Manni Murtii Gamtaa Awrooppaa dhaddacha Jum’aa dabre Luxemburg keessatti ooleen,  garee bilisummaa Falasxiinii falmaa jiru,  Hamaas galmee shororkeessitootaa keessaa akka haqamu kan murteesse yoo tahu, Hamaas murtii kana gammachuun kan simate tahuu ibse. Dubbi himaan Hamaas Qaasim Haziim murtii kana “murtii sirri fi haqa qabeessa”jechuun ibse.

 

Mr Haziim ibsa isaa kanaan “Weerara Israa’el falmachuun akka seera addunyaattis seera qabeessa, Hamaas dabalatee dhaabbata Falasxiin kamiyyuu shororkeessummaan farrajjuun ammoo haqa dabsuu qofa osoo hin tahin, qabsoo karaa seeraatiin ummanni Falasxiin Israa’el irratti godhu kan miidhu “jedhe.

 

Gareen Hamaas ibsa isaa kanaan, murtiin kun bu’a qabeessa akka ta’u, hoggantoonni siyaasaa Gamtaa Awrooppaa raawwii murtii kanaa yeroo gabaabaa keessatti ni jalqaban,  abdii jedhu kan qabu tahuu beeksise.

Hamaas

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button