
Bid’aa beytuu? Bid’aan maali?
Gabaabsinee ‘Bid’aa’ jechuun baasa. Waan Shari’aa keessa hin jirre haaraya fidame. Waan Rabbii fi ergamaan isaa itti hin ajajin Diin godhuun Bid’aa dha.
Namni gariin waan ergamaan Rabbii(SAW) fi Sahaaboonni irra hin turin karaa godha. Inuu namallee itti afeeree baasa Shari’aa godhuu yaada. Kun hin tahu, Bid’aa namni dalage itti adabama.
Shari’aan waan ergamaa Rabbii Muhammad(SAW) irraa nu gahe. Bid’aan ammoo waan ergamaa Rabbii irraa nu hin gahini. Hammamillee bareeddu Bid’aan jallina malee gaarummaa hin qabdu.
Ergamaan Rabbii(SAW) “Baasni(Bid’aan) hundi jallina. Jallinni hundi ibidda keessa(ibiddatti nama darba)” ja’e. Kanaaf Bid’aa irraa fagaachuu qabna.
كان النبي (SAW) يقول ÙÙŠ خطبته: أما بعد: ÙØ¥Ù† خير Ø§Ù„ØØ¯ÙŠØ« كتاب الله، وخير الهدي هدي Ù…ØÙ…د٠(SAW)ØŒ وشر الأمور Ù…ØØ¯Ø«Ø§ØªÙ‡Ø§ØŒ وكل بدعة٠ضلالة،
زاد النسائي رØÙ…Ù‡ الله: وكل ضلالة٠ÙÙŠ النار.