header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Daa’ima Bineensi Guddifate

Tana Quba Qabduu?

Ilmi namaa hoogganaa dachii tanaati jedhama. Ka humna qabu ka humna hin qabne gabroomsee of jalatti bulchuu danda’a. Akkasumas beeyladoota manaa horsiisee kan fedhu gurguree, kaan meeshaa itti fe’atee yoo barbaades kan qalee nyaatu hedduu qaba. Walumaa galatti ilmi namaa bineensota irratti aangoo ni qaba yoo jenne ni danda’ama. Inumaa ammaan tana ilmi namaa bineensota bosonaatis ofitti madaqsee horsiisee guddisuudhaaf tattaaffii godhutti jira. Haa ta’u malee namoonni bineensota bosonaatiin guddifaman akka jiran hoo quba qabduu?

 

Wolfman, Marcos Rodriguez Pantoja jedhama.

Yeroon seenaa kanaa bara 1965 ture. Biyya Ispeenitti naannoo gaarren heddu qabu kan Siyeeraa Mooreenaa jedhamutu jira. Bara kanatti poolisiin dargaggeessa waggaa 19 kan rifeensa dheeraa hin filamne qabuu fi kan gogaa bosonuu uffatee deemu tokko arge. Dargaggeessi kun poolisoota arginaan akkuma bineensaatti dheessuudhaaf yaalii godhe. Wayta poolisiin harkaan isa qabu ammoo akka yeeyyiitti itti iyyaa, ilkaaniin isaan ciniinaa sagaleen ammoo yuusaa isaan cinqe. Boodarratti haadaan hidhanii gara hospitaala yaala sammuu geessan. Achittis waggaa tokkoof turee wal’aansi garagaraa kennameefii jira.

 

Maarkoos gaafa haati isaa duutu daa’ima waggaa sadihii ture. Abbaan isaa haati daa’ima kanaa jalaa duunaan dubartii biraa fuudhee jiraachuu jalqabe. Mucaan kunis gaafa waggaa 7 guutu dalagaa akka hojjatu qotee bulaa tokkotti kiraan kenname. Achittis manguddoo tokko bira taa’ee dalaguu jalqabe. Gaafa tokko garuu mucaan mana taa’ee manguddicha eegaa ture. Manguddichi hin dhufne, achumaan hafe. Mucaanis waan mudate hin beekne. Mucaan xiqqaan kun yeroo dheeraaf taa’ee eege. Homaa nama dhufu hin argine. Beelli itti hammaannaan re’ee elmuuf yaalii godhus elmuu hin dandeenye. mukarraa firii funaanuufis tattaafate milkaahuu dadhabe. Midhaan manaa qabu dhumnaan gurbaan gad bahee waan bineensonni biroo dalagan dalaguu jalqabe. Sagalee bineensotaa akkeessuu fi soorata argachuuf waan isaan godhan ilaalaa baratuu jalqabe. Boodarratti bineensa adamsus barate.

 

Guyyaa tokko Maarkoos bineensa hamaa tokkoon walitti dhufe. Akka carraa ta’ee naannoo sanitti cabbiin buunaan, mucaan xiqqaa kun goda tokko seenee, achumaan hirribni isa fudhate. Maarkoos ilmoolee yeyyii bira ciisuu isaa quba hin qabu. Haati wayta adamoodhaa deebitu mucaa xiqqaa kana ilmoolee biratti argitee itti iyyite. Wayta kana Maarkoos rakkoo keessa seenuu isaa beeke. Boodarratti garuu Maarkoos sossobee garaa laaffifachuu danda’e. Yeeyyiinis bineensa adamsitee fidderraa daa’ima kanaaf foon qoodde. Kana booda Maarkoos hiriyyaa Yeeyyii tanaa ta’e. Waggoota itti aanan 12f maarkoos ilma namaa wajjiin wal hin argine. Bosona keessa yeeyyii faana jiraatuu itti fufe. Walitti dhufeenyi isaa Yeeyyii fi jeedala bosona keessaa qofa wajjiin ture.

 

Maarkoos gaafa gara hawaasaa deebi’u jiruun hedduu itti ulfaatte. Dargaggeessii kun nama faxinummaa qabuu fi dafee baratu ta’us haala addunyaan keessa jirtuun wal simuun itti jabaate. Gaafa inni waggaa 20 guutu Raadiyoo biratti bananii turan. Haa ta’u malee dargaggeessi kun akkuma sagalee namaa dhagaheen rifatee raadiyoo san cabse. Kaayyoon isaa gaarii ture. Namoota raadiyoo san keessatti hidhamanii jiran hidhaa baasuudhaaf caccabse. Fiilmii osoo laalaa jiru namni shugguxii qajeelchee Kaameratti qabnaan, Waan TV keessaa itti dhukaasan itti fakkaate fiigee manaa bahee baqate.  Restoraantii seenee nyaatas ajajatee nyaateera. Garuu kafali yoo jedhaniin kafaluu didee warra hoteelaatiin wal dhabeera.

 

Maarkoos bineensaan dafee walii galuu danda’uu isaa dubbata. Garuu jireenyi ilma namaa waliin akka itti ulfaate gaazexeessitootatti hime. Mana hin qabu, osoo deemu mana duwwaa yoo arge seenee keessa bula. Yeroo tokko tokko dalagaa garagaraa akka hojjatu dubbata. Haa ta’u malee wallaalummaa isaatti fayyadamuun namoonni sossobaa mallaqa irraa fudhatan. Of eeggannaas waan hin gooneef namoota hedduun saamameera. Namoonni gariin kan isa gargaaruuf tattaafatan ni jiru. Haa ta’u malee amalaan walii galuu dadhabanii dhiisan. Maarkoos nama ni dheessa. Namaan yoo dubbatus fuula keessa hin laalu. Yeroo ammaa kana manguddoo waggaa 76 kan ta’e Maarkoos Rodriigeez Paantoohaa biyyuma ispeen keessa jiraachutti jira.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

5 Comments

Comment

Back to top button