header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Dhaabbatni BioNtech dawaan talaallii COVID-19 kennamaa jiru gosa vaayirasichaa haarayatti mul’ateefis akka hojjatu abdii qabaachuu beeksise

Dawaan talaallii dhibee koroonaa Dhaabbata BioNtech jedhamuun tolchame, addunyaa keessatti fudhatama guddaa argatuun, yeroo ammaa Ameerikaa fi Awrooppaa dabalatee biyyoonni 45 ol lammiilee isaaniitiif kennuu jalqabanii jiru.

Haata’u malee vaayirasichi UK keessatti amala jijjiiratuun saffisaan babal’ataa jiraatuu eega beekamee booda, talaalliiwwan durfamanii oomishaman gosa vaayirasii haaraya mul’atee ittisuu danda’uu isaanii irratti gaafiin ka’aa jira.
Kanuma ilaalchisuun hundeessaa fi hogganaan dhaabbata BioNtech Dr. Ugur Sahin ibsa kenneen, Prootiiniin vaayirasii amma UK keessatti argamee kan duraa waliin 99% kan walfakkaatu akka taheefi, kunis talaalliin kanaan dura BioNtech tolche gosa vaayirasichaa haaraya argameefis kan hojjatu tahuu, dhaabbatichi “ifitti amanamummaa” guddaa qabaachuu beeksise. Dr. Sahin ibsa isaa kanaan, vaayirasii haarayaan walqabatee bu’a qabeessummaa talaallii isaa guututti mirkaneesuudhaaf, qorannoon jalqabame torbaan 3 booda ifa akka tahus ibse.

Bu’aa qorannoo irratti hundaayuun, talaalliin jalqaba oomishame gosa vaayirasii haaraya argameef yoo kan hin hojjanne tahes, BioNtech talaallicha fooyyeesauuf torbee 6 qofa kan isa barbaachisu tahuu hime.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button