header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Gaachana IslaamaaOg-Barruu

Baga ayyaana dhaloota Iyyasuusiin isin gahe” jechuun taatii?

Deebisaa Dr Zakir Naik kanne tana dubbifadhaa.

Dr Zaakir : Obboleessi, hiriyyoota kiyyaan “baga ayyaana dhaloota Iyyasuusiin isin gahe jechuun walitti dhufeenya cimsachuun barbaada” je’ee gaafate. Lakkii kun Haraama. Boru ammoo ‘walitti dhiheenya cimsachuudhaaf Farsoo xiqqo yoo waliin dhuyne hoo?’ kan ja’u gaafachuuf deema. “Maaliif? Maal rakkoo qaba? Foon Booyyee xiqqo isii waliin yoon nyaadhe hoo? Gara Bataskaanaa deemee maafin xiqqo Iyyasuus isaan waliin hin gabbarre” je’ee gaafachuuf deema.

Laal! Da’waa godhuuf waan Haraam dalaguu hin qabdu. Waan barbaaddu bira gahuudhaaf karaa sobaa deemuun hin barbaachisu. Wanni isaaniif Haraam tahe siifis Haraami. Wayta “baga guyyaa dhaloota Iyyasuus Kiristoosiin isin gahe” jattee isaan gammachiiftu, Iyyasuus gaafa December 25 dhalate! Akkasumas ‘inni ilma Rabbiif dhalate’ kan je’u mirkaneessaa jirta. Kun ammoo Shirkiidha.

Akkas jechuun Maaf dogoggora tahe? Sababni isaa, Kiristaanonni “Iyyasuus ilma tokkicha Rabbiif dhalate” je’anii amanan. Hiriyyaan kee guyyaan san waan guyyaa dhaloota Iyyasuus taheef ayyaaneeffata. Guyyaa biraa maa hin ayyaaneeffanne? Hiriyyaa kee saniin ayyaana kana badhaasaaf jecha ayyaaneeffatta taanaan, gaafa December 25 ayyaaneeffachuu dhiifnee gaafa October 10 haa ayyaaneffannu je’iin. Sirraa fudhataa? Hin fudhatu.

Haa tahu malee Da’waa hin godhin jechuu kiyyaa miti. An ‘guyyaa dhaloota Iyyasuus’ je’amu sanittis Da’waa nin godha. Yeroon Kiristmaas gahee, Kiristmas maaf ayyaaneeffattan je’eetiin gaafadha. Isaanis “sababni isaa Iyyasuus kiristoos gaafa December 25 dhalate” je’an. Iyyasuus Kiristoos eenyu je’eetiin gaafadha. “Iyyasuus ilma waaqayyo argate” je’anii naaf deebisan. Itti aansuun, Macaafa guutuu keessaa dubbii shakkii hin qabne, kan Iyyasuus kiristoos ‘Ani Rabbii keessani! ana na gabbaraa’ je’e natti mul’isaa je’eetin gaafadha.

An Da’waa nin godha. Ati Da’waa godhuudhaaf maaf karaa dogoggoraa fayyadamta. Ati ‘Baga guyyaa dhalootaatiin isin gahe’ jechuun sirriidhamoo dogongora jettee gaafatte. Akka kiyyaatti dhibbaan dhibba dogongora.

Farshoo karaa irratti argitee, osoo hin beekin Peepsii sitti fakkaatee yoo dhuyde Rabbi siif dhiisa. Kiristmaas maaf akka ayyaaneeffatamu beytaa? UK keessatti Kiristmaas maaf akka kabajamu ni beytaa? As UK keessa moo bakka biraatii dhufte?

Gaafataa: Dhimma daldalaatiif itti fayadaman. Guyyaa namoonni kennaa garagaraa itti waalii kennan.

Dr Zaakir: Osoo beektuu dubbii irra hin marin. Gaafiin an si gaafataa jiru, sababaan isaan dhimma daldalaati je’aniif maaf akka tahe ni beytaa? Sababaan maali? Ayyaana dhalootaa maaliif ayyaaneeffatan?

Gaafataa: Guyyaa Kiristoos itti dhalate.

Dr Zaakir: Sani! Dhaloota Kiristoos jechuun hoo maal akka tahe ni beyaa? Isaan Iyyasuus Kiristoos, ilma Rabbiin arkate je’anii amanan. Kana ni beytaa?

Gaafataa: Ee beeka.

Dr Zaakri: San yoo ka beytu tahe, san booda Baga ayyaana dhalootaatiin isin gahe jettee isaan gammachiifta taanaan daba irra jirta. Haraam sirratti taha. Yoo hin beyne, yoo nama Timbuktuu irraa dhufe taate, wallaalummaan baga ittiin si gahe jettee yoo isa gammachiifte Rabbiin siif dhiisuu dandaya. Farshoo argitee Peepsii sitti fakkaatee yoo dhuyde Rabbiin dhiifama siif godha. Garuu osoo beytuu, walitti dhiheenyaan cimsa jettee yoo dhuyde, Jahannam keessatti iddoo qopheeffataa jirta.

Kanaafuu obboleessa! Waan gaarii tokko hojjachuuf jecha, karaa dogongoraa fayyadamuu hin qabdu. Akka Qur’aanaa fi Sunnaan barsiisetti fayyadamuu qabda. Deebisaa siif knnne je’eetiin abdadha.

 

 

Back to top button