Yuuniversitiin Walaayittaa Sooddoo namuusa uffannaa fi rifeensa barattoota ilaalchisee seera haarawa baase
Yunivarsitichi seera haarawa namuusa uffannaa fi rifeensa, barattootaa, Akkasumas hojjatootaa ilaalchisee baase , muddee 13,2013 irraa jalqabee kan hojii irra olchuu fi barattoota naamusa uffataa fi rifeensaa badaa agarsiisaniif bakka akka hin qabne beeksise.
Barataas ta’e hojjetaan yuuniversitichaa rifeensa sirnaan yoo hin sirreeffannee fi uffannaa naamusaan alaa uffatee yoo argame seeraan akka gaafachiisu bulchiinsi yuuniversitichaa akeekkachiise.
Yuuniversitichi namuusa uffannaa fi rifeensa dubartootaa ilaalchisee gochoota adabbii naamusaaf nama saaxilan jechuun tarreesse jidduu , uffata bututaa fi qaamasaanii kanneen akka qomaa fi teessoo isaanii dirree baasee mul’isu , huccuu jilbaa olii uffachuu, rifeensa qalamii dibuu, shiitoo urgaan isaa nama jeequ dibachuu, kophee sagaleedhaan nama jeequ uffatanii daree barnootaa, mana kitaabaa fi laabraatoorii seenuun kan adabsiisu tahuu ibse.
Dhiironni ammoo rifeensa isaanii saantimeetira tokko ol akka hin caalletti sirreeffachuu qabu, rifeensatti danaa adda addaa baasuu fi bacancarsanii (qurcuuceessaanii) deemuun seeraan nama adabsiisu ta’u akeekkachiise.
Haaluma kanaan Seerri ittiin bulmaataa kun Muddee 13, 2013 irraa eegalee kan hojiirra oolu yoo ta’u, hojiirra oolmaasaa qaamoleen nageenyaa yuuniversitichaa akka hordofaan ajaje.
maasha Allah Alhamdulillaah kan hojiirra oolu rabbi nuuf haa taasisu.
yunivarisiitii hunda keessattii cimuu qaba.
maashaallaha rabbiin hundaahu hojiirra ha oolchuu seera shari’a Islaamaa
Alahmdulillh Rabbiin bakka hundatti murtee
kana nu mijessu
maashaallah rabbii bakkaa martuu waan akkanaa nuu haa babalisuu
Maashaa Allah
Raabbii kiyyaa keena akkaa biyyaati islaamaati teesa kaan akkaa bultuu nuu haa goodh
ishaa allah
haayyotii islaama akkaa irraatii jaajabeesti eragaa koo gaamanuma
maasha’allaah Tabaarakallaah Rabbiin biyya keenya akka seera kanaan bulan nuuf hagodhu