header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwustraaliyaaKoroonaaOdeeyfannoo

Vaayirasiin Koroonaa wantoota tokko tokko irra guyyoota 28 turuu danda’aa jedhame

Ejensiin saayinsii biyyooleessa Awustiraaliyaa qorannoo Vaayirasii dhibee COVID-19 irratti taasise kan ifoomse yoo tahu, Vaayirasiichi wantoota akka nootii baankii, iskiriinii bilbilaafi sibiilarra guyyoota 28f kan turuu danda’u tahuu beeksise.

Akkasumas Vaayirasichi wantoota qaawwa qaban, laafaa ta’anirratti yeroo dheeraaf ni tura. Gama kaaniin uffatarra guyyoota 14 caalaa kan hin ture tahuu bu’aan qorannoo kana ni mul’isa.

Hata’uu qorannoon kun dukkana keessatti kan taasifame yoo ta’u, ifni UV vaayirasicha akka ajjeesu durumaanuu irra gahameera jedhe ejensiichi.

Qorannoon asiin dura taasifame SARS-cov-2 nootii baankiifi fuullee irratti guyyoota lamaa haga sadiitti , akkasumas sibiilaafi pilaastikirra ammoo hanga guyyoota jahaa turuu danda’a kan jedhu yoo tahu, saayintistoonni muraasni bu’aa qorannoo kanaa irraa shakkii qabatuu ibsan.

Yunvarsiitii Kaardiifitti daarektara Wirtuu Qufaa kan ture, Piroofeesar Roon Eklees, qorannoon kun “ummata sodaa hin barbaachifneef saaxila,”jedhe.
Piroofeeser Roon “Akka yaada kiyyatti Vaayirasoonni yoo qufaanuufi haxxiffannu waan akka goroora fi furiin daddarbu, qorannoon kun mala vaayirasichi daddarbuu danda’uun jedhame muukasii dhala namaatti hin fayyadamne”jechuun shakkii qabu ibse.
Hogganaan Ejensii Saayinsii Biyyooleessa Awustiraaliyaa Laarii Maarshaal gama isaatiin
“Vaayirasichi wantootarratti hangam turuu akka danda’u beekuun waan gara fuulduratti ta’an beekuu fi tatamsa’ina vaayirasichaa hir’isuuf, akkasumas namoota keenya eeguuf hojii fooyyee qabu akka hojjannuuf nu gargaara,”jedhe.


Qondaaltonni qorannichaa bu’aan qorannoo isaanii vaayirasiin kun haala qorraa keessatti sibiilaarra, nyaata teempireechara qorraa keessatti, omisha fooniifi bakkeewwan kuusaa haala qorraa keessatti argaman irra kan turuu danda’u tahuu eeraniiru.

Hata’uu malee Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa “Namni nyaataan yookiin meeshaa nyaata ittiin saamsame irraa haga ammaatti Covid-19 qabame hin jiru.”Jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button