
Tawhiidni (Rabbiin tokkoomsuun) haqa Rabbiin Gabroota irraa qabu
Rabbiin ol ta’e ni jedhe:
{وَمَا خَلَقْت٠الْجÙÙ†ÙŽÙ‘ وَالْإÙنْسَ Ø¥Ùلَّا Ù„ÙÙŠÙŽØ¹Ù’Ø¨ÙØ¯ÙونÙ} [الذاريات: 56]“Ani jinnootaafi namootas ana haa gabbaraniif malee hin uumne.”[Azzaariyaat: 56]
{وَلَقَدْ بَعَثْنَا ÙÙÙŠ ÙƒÙÙ„ÙÙ‘ Ø£Ùمَّة٠رَسÙولًا Ø£ÙŽÙ†Ù Ø§Ø¹Ù’Ø¨ÙØ¯Ùوا اللَّهَ ÙˆÙŽØ§Ø¬Ù’ØªÙŽÙ†ÙØ¨Ùوا الطَّاØÙوتَ} [النØÙ„: 36]Dhugumatti, Nuti “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa”(jechuun) ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra. [Annahl: 36]
{وَقَضَى رَبÙّكَ أَلَّا ØªÙŽØ¹Ù’Ø¨ÙØ¯Ùوا Ø¥Ùلَّا Ø¥ÙÙŠÙŽÙ‘Ø§Ù‡Ù ÙˆÙŽØ¨ÙØ§Ù„Ù’ÙˆÙŽØ§Ù„ÙØ¯ÙŽÙŠÙ’Ù†Ù Ø¥ÙØÙ’Ø³ÙŽØ§Ù†Ù‹Ø§} [الإسراء: 23]Gooftaan kee akka isin Isa malee homaa hin gabbarreefi haadhaa abbaa keessanitti tola ooltan murteessee jira.
(ÙˆÙŽØ§Ø¹Ù’Ø¨ÙØ¯Ùواْ اللّهَ وَلاَ ØªÙØ´Ù’رÙÙƒÙواْ بÙه٠شَيْئاً)[النساء: 35].
“Rabbiin qofa gabbaraa; isatti homaa hin qindeessinaa.”[Annisaa’i: 35]
Ibn Mas’uud ni jedhe: “namni dhaamsa Nabi Muhammad [SAW] kan dhumaa isii chaappaan isaanii irra jiru ilaaluu fedhe jecha Rabbii armaan gadii haa qara’u:
{Ù‚Ùلْ تَعَالَوْا أَتْل٠مَا ØÙŽØ±ÙŽÙ‘Ù…ÙŽ رَبÙّكÙمْ عَلَيْكÙمْ أَلَّا ØªÙØ´Ù’رÙÙƒÙوا بÙه٠شَيْئًا ÙˆÙŽØ¨ÙØ§Ù„Ù’ÙˆÙŽØ§Ù„ÙØ¯ÙŽÙŠÙ’Ù†Ù Ø¥ÙØÙ’Ø³ÙŽØ§Ù†Ù‹Ø§ وَلَا تَقْتÙÙ„Ùوا أَوْلَادَكÙمْ Ù…Ùنْ Ø¥Ùمْلَاق٠نَØÙ’ن٠نَرْزÙÙ‚ÙÙƒÙمْ ÙˆÙŽØ¥ÙيَّاهÙمْ وَلَا تَقْرَبÙوا الْÙَوَاØÙØ´ÙŽ مَا ظَهَرَ Ù…Ùنْهَا وَمَا بَطَنَ وَلَا تَقْتÙÙ„Ùوا النَّÙْسَ الَّتÙÙŠ ØÙŽØ±ÙŽÙ‘Ù…ÙŽ اللَّه٠إÙلَّا Ø¨ÙØ§Ù„Ù’ØÙŽÙ‚ÙÙ‘ ذَلÙÙƒÙمْ وَصَّاكÙمْ بÙه٠لَعَلَّكÙمْ تَعْقÙÙ„Ùونَ (151) وَلَا تَقْرَبÙوا مَالَ الْيَتÙيم٠إÙلَّا Ø¨ÙØ§Ù„َّتÙÙŠ Ù‡ÙÙŠÙŽ Ø£ÙŽØÙ’سَن٠ØÙŽØªÙŽÙ‘Ù‰ ÙŠÙŽØ¨Ù’Ù„ÙØÙŽ Ø£ÙŽØ´ÙØ¯ÙŽÙ‘ه٠وَأَوْÙÙوا الْكَيْلَ وَالْمÙيزَانَ Ø¨ÙØ§Ù„Ù’Ù‚ÙØ³Ù’ط٠لَا Ù†ÙÙƒÙŽÙ„ÙÙ‘ÙÙ Ù†ÙŽÙْسًا Ø¥Ùلَّا ÙˆÙØ³Ù’عَهَا ÙˆÙŽØ¥ÙØ°ÙŽØ§ Ù‚ÙلْتÙمْ ÙَاعْدÙÙ„Ùوا وَلَوْ كَانَ ذَا Ù‚ÙØ±Ù’بَى ÙˆÙŽØ¨ÙØ¹ÙŽÙ‡Ù’د٠اللَّه٠أَوْÙÙوا ذَلÙÙƒÙمْ وَصَّاكÙمْ بÙه٠لَعَلَّكÙمْ تَذَكَّرÙونَ (152) ÙˆÙŽØ£ÙŽÙ†ÙŽÙ‘ هَذَا ØµÙØ±ÙŽØ§Ø·ÙÙŠ Ù…ÙØ³Ù’تَقÙيمًا ÙÙŽØ§ØªÙŽÙ‘Ø¨ÙØ¹Ùوه٠وَلَا ØªÙŽØªÙŽÙ‘Ø¨ÙØ¹Ùوا السÙّبÙÙ„ÙŽ ÙَتَÙَرَّقَ بÙÙƒÙمْ عَنْ سَبÙيلÙه٠ذَلÙÙƒÙمْ وَصَّاكÙمْ بÙه٠لَعَلَّكÙمْ تَتَّقÙونَ (153)} [الأنعام: 151ØŒ 153]Jedhi: “Kottaa! Wantoota Gooftaan keessan isin irratti haraama godhen isin irratti qara’a. Isaanis: Isatti waa qindeessuu dhiisuu, abbaafi haadhatti tola ooluu, ilmaan keessan beelaaf jecha hin ajjeesinaa, Nutu isiniifi isaanis soora; wantoota fokkatoo ta’an kan mul’ates ta’ee waan dhokate itti hin dhihaatinaa; lubbuu Rabbiin [ajjeesuu] haraama godhes haqaan maleetti hin ajjeesinaa. Isa san akka xiinxaltaniif isa isiniif dhaame. [51] Qabeenya yatiimaas yoo toltuudhaan ta’e malee hanga inni umrii cimina isaa ga’utti itti hin dhihaatinaa; safaraafi madaalas haqaan guutaa. Nuti lubbuu tokkollee waan isheen dandeessutti malee hin dirqisiifnu. Odoma fira dhihoo ta’ellee yeroo jecha (ragaa) kennitanis, haqa dalagaa. Waadaa Rabbiis guutaa. Kana akka isin yaadattaniif isinii dhaama.”[52] Dhugumatti, kun karaa kiyya Isa qajeelaadhaa, isa hordofaa. Karaa Rabbii irraa isin baasan waan ta’eef karoolee baay’ee hin hordofinaa. Akka isin Rabbiin sodaattaniif kana isiniif dhaama.”[Al-An’aam: 51-53]
Mu’aaz bin Jabal irraa odeeffamee [ra] ni jedhe: “harree wahii irratti Nabiyyii [saw] duuba taa’een ture. Nabiyyiin [saw] “Yaa Mu’aaz ‘haqa Rabbiin gabroota irraa qabuufi haqa gabroonni Rabbirraa qaban ni beektaa?”jedhan. “Rabbiifi Ergamaa Isaatu beekan jedhe. Nabiyyiin [saw] “haqni Rabbiin gabroota irraa qabu Isa qofa gabbaruufi Isatti waa qindeessuu dhiisuudha. Haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhiisuudha”jedhan. Anis “yaa Ergamaa Rabbii sila namoota gammachiisuu?’n jedhe. Nabiyyiinis [saw] “isaan hin gammachiisin isa qofarratti hirkatuu”jedhan.
Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.