header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Tokkummaa Ummata Muslimaa

Islaamni nageenyaa fi tokkummaa hawaasaatiif xiyyeefanno guddaa kenna. Wanta hawaasa jeequu fi miidhu karaa adda addaatin ittisuuf yaala. Karaalee kanniin keessaa, waan gaariitti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwu, gara tokkummaatti namoota waamu, daangaa darbitoota ammoo rabbiin kan adabu tahuu akekkachiisa.
Kanuma ilaalchisee aayatoota Qur’aana lamaan armaan gadi mee haa xiinxallinuu!

وَاعْتَصِمُوا بِحَبْلِ اللَّهِ جَمِيعًا وَلَا تَفَرَّقُوا ۚ وَاذْكُرُوا نِعْمَتَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ إِذْ كُنتُمْ أَعْدَاءً فَأَلَّفَ بَيْنَ قُلُوبِكُمْ فَأَصْبَحْتُم بِنِعْمَتِهِ إِخْوَانًا وَكُنتُمْ عَلَىٰ شَفَا حُفْرَةٍ مِّنَ النَّارِ فَأَنقَذَكُم مِّنْهَا ۗ كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ اللَّهُ لَكُمْ آيَاتِهِ لَعَلَّكُمْ تَهْتَدُونَ (103)

“Haada Rabbii (tokkummaan) hunda ta’aa qabadhaa, adda addas hin bahinaa (hin faca’inaa). Yommuu isin diinota walii turtanii qalbii keessan wal simsiisuun qananii isaatiin obboleeyyan taatan; qarqara boolla ibiddaa irra turtanii isii irraa isin baraare, qananii Rabbii isin irra jiru yaadadhaa. Akka qajeeltaniif Rabbiin akka kanatti keeyyattoota isaa isiniif addeessa.” Suuratu Aali-Imraan 3:103

Hundi keessanuu kitaaba gooftaa keessanii fi qajeelcha Nabiyyi keessanii sirritti qabadhaa. Addaan faffaca’utti wanta isin geessu hin hojjatinaa. Qananii guddaa Rabbiin isin qananiise yaadadhaa: Yaa mu’mintoota yommuu isin Islaama dura diinota walii turtan, Rabbiin isa jaallachuu fi Ergamaa isaa jaallachuu irratti qalbii teessan walitti qabe. Wal-jaallachuu qalbii teessan keessatti darbe. Kanaafuu, tola isaatiin obboleeyyan wal jaallattan taatan. Qarqara ibidda jahannam irra turtan. Islaamaan isin qajeelchee ibidda irraa isin baraare. Akkuma mallattoolee iimaanaa sirrii isiniif ibse, akka karaa qajeelaatti qajeeltaniif, hordoftanii fi irraa hin jallanneef wanta fooyya’iinsi keessan keessa jiru hundas isiniif ifa godha.

Ammas aayata biroo keessatti itti fufuun:

“Isin keessaa gareen namootaa gara wanta gaarii ta’e hundatti waaman, wanta sirrii ta’etti ajajanii fi wanta badaa irraa dhoorgan haa jiraatan. Warri sun isaanumatu milkaa’odha. Akka warra ragaaleen ifaa erga isaaniif dhufanii booda addaan faca’anii fi wal dhabanii hin ta’inaa. Warra san adabbii guddaatu isaaniif jira.” Suuratu Aali-Imraan 3:104-105   

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button