header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AkhlaaqaFayyaaIbaadaaOg-Barruu

Waan balaa nurraa fageessee badhaadhinatti nu geysu beytuu?

Wantoota gammachuu fi Rizqii fidan keessaa tokko, harka qalleeyyii gargaaruudha. Waanuma qabduun tirsitee isaanif if gad qabuudha.

Nama miidhame(Zallamame) cinaa dhaabbachulleen Rizqiin wal afaan nama fiddi.

Hadiisatti ergamaan Rabbii Muhammad(SAW) akkana ja’an..
هَلْ تُنْصَرُونَ وَتُرْزَقُونَ إِلا بِضُعَفَائِكُمْ 

Osoo laafaa keessan cinaa dhaabbachuu baattanii waan injifattanii fi sooramtan seetanii?

Miskiinni harka nu biraa qaba. Kadhaa hiyyeessaatin balaan nurraa deebite guddoodha.

Nagaya ummataafi biyya takkaafis isaan shora ol’aanaa taphatan.

Rahmata waliif haa goonu! Wal haa jaalannu. Yoo nuti warri lafaa waliif tolle, warri samiitis nuuf tola.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button