Ajaajni Allaah yaadaa fi qajeelfama namuutiinuu hin jijjiiramu
Namni waan Rabbiin eeyyame dhoorguu keessatti yookaan Waan Rabbiin dhoorge eeyyamuu keessatti beektotaan yookaan hoggantootaan bule dhugumatti Gabbaramtoota isaan godhate.
Ibn Abbaas akkana jedhe: “dhagaan samii irraa isinitti bu’uutti dhihaata; ‘ani Ergamaan Rabbii [saw] akkana jedhan’ isiniin jedhaa isin immoo ‘Abuu Bakriifi Umar akkas jedhan’ jettuu?”
Kana jechuun jechi eenyuutuu kan Ergamaa Rabbii yoo faallesse ni gatamaa ibsuudha.
Imaamu Ahmad bin Hambal gama isaaniitiin akkana jedhan: “ani ummata sahiihummaa sanadaa baranii ka’anii gara yaada Sufyaanitti deeman na dhiba. Rabbiin ol ta’e ni jedhe:
{ÙَلْيَØْذَر٠الَّذÙينَ ÙŠÙخَالÙÙÙونَ عَنْ أَمْرÙه٠أَنْ تÙصÙيبَهÙمْ ÙÙتْنَةٌ أَوْ ÙŠÙصÙيبَهÙمْ عَذَابٌ Ø£ÙŽÙ„Ùيمٌ} [النور: 63]
Warri ajaja isaa (Nabiyyichaa) faallessan rakkoon wahii isaan tuquu yookiin adabbiin laalessaan isaan tuquu irraa of haa eeggatanu. [Annuur: 63]
Rakkoon jedhame maal akka ta’e ni beektaa? Rakkoon sun shirkiidha. Yeroo inni jecha Isaanii dide jal’inni wahii qalbii isaa keessa bu’ee salphachutu mala.
Adiyyi bin Haatim [ra] irraa akka odeeffameetti “Ergamaa Rabbiitii [saw] aayata armaan gadii kan qara’an dhaga’e:
{اتَّخَذÙوا Ø£ÙŽØْبَارَهÙمْ وَرÙهْبَانَهÙمْ أَرْبَابًا Ù…Ùنْ دÙون٠اللَّهÙ} [التوبة: 31]
Hayyoota isaaniitiifi luboota isaanii Rabbiin alatti gabaramtoota godhatan. [Attawbaa: 31]
Achumaan ‘nuti isaan hin gabbarru hoo?’n jedheen. Nabiyyiinis [saw] “sila isaan waan Rabbiin eeyyame haraama goonaan isinis haraama godhaa hin turree? Waan Rabbiin dhorge halaala goonaan isinis halaala godhaa hin turree?”jedhan. Adiyyis ‘ee gooneerra’ jedhe. Ergamaan Rabbii [saw] “sanatu ibaadaa isaaniiti”jedhan. Ahmadiifi Tirmiziitu gabaasan. Tirmiziin hadiisa hasan godhe.