header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

ZAKAA FIXRII

Zakaa fixrii Jechuun kan namni yeroo ramadaana soomee xumure yookaan gara xumuruutti dhiyaate midhaan gosa nyaatamu irraa ta’e, saa’ii tokko hiyyeessaa kennuudha. Hangi saa’ii tokkoo gara kiilo giraamaatti yoo deebifame naannoo 2.4kg ta’a.

Hukmii zakaa Fixrii

Zakaa fixrii  ergamaan Rabbii ((SAW)) dirqama godhaniiru. Nama jaarsaa, Ijoollee, Dhiira, dubartii, garbichaa fi birmaduu(walbaa) Muslima ta’e cufa irratti dirqama.

ØŒ قال عبد الله بن عمر رضي الله عنهما: «ÙØ±Ø¶ رسول الله صلى الله عليه وسلم زكاة الفطر من رمضان صاعا من تمر أو صاعاً من شعيرٍ على العبدِ والحرِّ والذكر والأنثى والصØير والكبير من المسلمين»

Abdallaah bin Umar ( RA) akkana jedhe: ” Ergamaan Rabbii ((SAW)) zakaa fixrii saa’ii tokko tamrii irraa ykn saa’ii tokko garbuu irraa kan ta’e garbicha, birmaduu, dhiira, dubarti, ijoollee fi jaarsa muslima irraa ta’etti dirqama godhani”. Bukhaarifi Muslimtu Gabaasan.

 

Ulfa garaa keessa jiru irraa yoo abbaan fedhee baase malee baasuun dirqamaa miti. Ijoollee osoo ramadaanni sa’aatiin isaa keessaa hin bahin (osoo biiftuun(aduun) guyyaa gaafa soomni dhumuu hin seenin) dhalatte irraa baasuun dirqama.

Zakaa kana ofirraa fi nama qallabuun dirqama namatti ta’u irraa baasuutu dirqama. Yoo isaan danda’anii ofii baafatanis ni danda’ama. Garuu namichi yoo kan hin dadeenye ta’e jalqaba ofirra baasa. Yoo wanti inni qabu irraa hafe maatii isaa warra qallabu irraayis baasuun dirqama.

Faayidaa Zakaatul Fixrii

Namticha soomu dilii, qoosaa fi haasaa hintaane kan soomana isaa hir’isu san irraa qulquleessa.

. Hiyyeessatti tola ooluu fi nyaachisuu dha.

. Jaalala Jidduu hiyyeessaa fi dureessaatti uumti.

. Galata Rabbiin sooma isa ficcisiise deebisuutu keessa jira.

. Hiyyeessonnis akka guyyaa iidaa dureessa wajjin gamadan godha.

 

وعن ابن عباسٍ رضي الله عنهما قال: «ÙØ±Ø¶ÙŽ رسولُ الله صَلَّى اللَّهُ عليه وسلم زكاة الفطرِ طُهْرة للصائمِ من اللØوِ والرفثِ وطعمةً للمساكين، فمن أدَّاها قبل الصلاةِ فهي زكاةٌ مقبولة، ومن أداها بعد الصلاة فهي صدقة من الصدقات>> رواه أبوداود وابن ماجه

Abdallaah bin Abbaas irraa akka odeeffametti akkana jedha: “Ergamaan Rabbii ((SAW)) zakaa fixrii nama soomu taphaa fi haasaa hintaane irraa qulqulleessuf nyaata Hiyyeessaatiif jecha dirqama godhe. Namni salaata (iidaa) dura kenne isiin zakaa fudhatama qabduu dha. Namni salaata booda kenne immoo isiin kennaa sadaqaa irraa taateedha malee zakaa fixirii miti”. Abuu daawudii fi  Ibnu maajaatu gabaase.

 

Gosa nyaataa Zakaan Fixrii irraa Kennamu

 

Gosti isaa nyaatuma ilma namaa cufa kan naannoo sanatti baay’inaan nyaatamu irraa ni ta’a. Fakkeenyaaf qamadii, Xaafii, tamrii, ruuzii, zabiibaa fi kkf.

ØŒ فعن ابن عُمَرَ رضي الله عنهما قال: «ÙØ±Ø¶ÙŽ رسول الله صلى الله عليه وسلم زكاة الفطر من رمضان صاعا من تمر أو صاعاً من شعيرٍ»  وكانَ الشَّعيرُ يومَذَاك مِنْ طعامِهم رواه البخاري ومسلم

Hadiisa Bukhaarii fi Muslim keessatti Ibnu Umar akkana jedhe :”Ergamaan Rabbii ((SAW)) zakaa fixri saa’ii tokko tamriirraa ykn saa’ii garbuurraa ta’e dirqama godhan. Guyyaa gaafasii nyaanni isaanii garbuu ture”.

قال أبو سعيدٍ الخدريُّ رضي الله عنه: «ÙƒÙ†Ø§ نُخْرِج يومَ الفطرِ في عهدِ النبيِّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ صاعاً من طعامٍ وكان طعامُنَا الشعيرَ والزبيبَ والأقِطَ والتمر»  رواه البخاري

Abuu sa’iid Alkhudriin akka jedhetti: “Gadaa ergamaa Rabbii ((SAW)) guyyaa fixrii gosa nyaataa irraa saa’ii tokko kan zakaa baafnu turre. Midhaan keenya gaafas garbuu, zabiiba, aannan gogaa fi tamrii ture”Bukhaariitu gabaase.

Iddoo midhaanii maallaqa kaffaluun immoo shari’aa keessa hin jiru.

Hanga Kennamuu qabu :

Hangi kennamuu qabu Saa’ii tokko. Akkuma ibsamee dabretti saa’iin tokko naannoo kiilogiraama lamaa fi giraama 400ti. Midhaan gosa kamirraayyuu saa’ii tokko kennutu filatamaadha. Ulamoota biratti qamadii keessatti qofa waldhabbiin jira. Bara mu’aawiya keessa walakkaa saa’ii yeroo godhanu sahaabaan kan akka Abuu Sa’idal Khudrii didanii saa’ii guutuu malee hin kenninu jedhanii mormani. Haala maraafuu saa’ii tokko ta’uutu filatamaa dha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button