header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaKoroonaa

Mootummaan Sa’uudii  sirna Hajjii bara kanaa irratti hirmaachuuf haal dureewwan  barbaachisaan ifoomse

Mootummaan Sa’uudii tatamsaa’a dhibee Koroonaa Vaayirasii to’aachuuf jecha, ulaagaalee lammileen biyyattii fi kutaalee Addunyaa garagaraa irraa sirna Hajjii   bara kanaa irratti hirmaachuuf fedhii qaban dirqama guutuu qaban jedhe ifoomse.

Miidiyaaleen biyyatii ministeera fayyaa Sa’uudii wabeeffachuun, Lammileen biyyattii sirna Hajjii baranaa irratti hirmaachuuf, baatii Zulhijjaa dura Talaallii COVID-19 kan mootummaa biyyatii irraa beekkamtii argate fudhaachuu akka qaban gabaafame.

 Lammileen kutaa Addunyaa garagaraa irraa hirmaachuuf fedhii qaban immoo Talaallii COVID-19 kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa beekkamtii argate dirqama akka fudhattuu qaban Gaazeexxaan Ajil jedhamu gabaase.

Akkasumas Dooziin talaallii  fudhatamuu qabuu qajeelfama Dhaabbanni Fayyaa addunyaa (WHO)  ka’e irratti kan hundaa’e fi Talaallii marsaa lammaffaa gara Sa’uudii seenuu torban tokko dura akka fudhattuu qaban beeksise.

Dabalataanis hujjaajonni  gara Sa’uudii imaluu dura waraqaa ragaa sa’aa 72’n dabre keessatti  qorannoo COVID-19 irraa qulqulluu ta’u  mul’isu qabachuu akka qaban ibsame.

Guutuu Addunyaa irraa waggaa waggaan muslimoonni miliyoona lama ol sirna Hajjii raawwatuuf gara Sa’uudii imaluun ni beekama, haa ta’u malee waggaa dabre Sa’uudiin  sababa weerara  COVID-19 balbala cufachuun, namoota biyyattii keessatti argaman 1000 qofaaf hayyamuun ni yaadatama.

11 Comments

  1. mashaa ALLAAH galata keessan rabbin jannatul firdowsiin haataasisu
    heddu galatooma wan huda tokkorra jirtu akkanumatti itti fufaa

  2. Ya warra Nuur Al Hudaa qophiin keessan hedduu namatti toltii Obbaleessa keenya (hangafa keenya) hizaam Ibrahim baayyee yaannee!!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button