header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Sa’uudiin lammiileen biyya alaa sirna Umraa tiif gara biyyattii akka seenan hayyamte

Weerara Covid-19 guutuu addunyaa keessatti hammaatee ture hordofuun, Sa’uudiin ji’a torba dura lammiileen biyya alaa sirna hajjii fi umraatiif gara biyyattii akka hin seenne ugguruun ni yaadatama.

Sirni umraa masjiidota kabajamoo lamaan keessatri rawwatamu kun ji’a dabre keessa lammiilee biyyattii, akkasumas namoota Sa’uudii keessa jiraataniif kan hayyamame yoo tahu, guyyaa har’a November 01/2020 irraa jalqabee ammoo lammiileen biyyoota birootis Umraa godhuuf gara biyyattii akka seenan hayyamamee jira.

Haata’u malee namoonni hayyamameef umriin isaanii 50 fi sanaa gadi akka taheefi, eega Sa’uudii seenanii booda guyyoota sadihiif iddoo qubsumaa turuun, qorannoon Covid-19 kan godhamuuf tahuu ibsame.

Dabalataanis namoonni Umraaf gara biyyatii seenan eega sirna umraa xumuranii booda, guyyoota 10 keessatti gara biyya isaanii deebi’u akka qaban qajeelfamni mootummaan Sa’uudii baase ni addeessa.

Haaluma kanaan torbee kana irraa jalqabee guyyatti lammiileen biyya alaa 10,000 ol tahan, Umraa godhuuf gara Sa’uudii ni seenu jedhamee egama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button